Xurree ittiin seenan

Manni Murtii Masalaa Namoota 13 Irratti Hidhaa Waggaa 11 fi Adabbi Maallaqaa Mure

  • Jaallannee Gammadaa

Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa

Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa

Godinaa Harargee Dhihaa keessatti, Manni Murtii Masalaa kaleessa Sadaasa 21 bara 2016 jiraattoota naannoo kanneen to’annaa mootummaa jala turan keessaa 13 mata mataatti hidhaa Waggaa kudha tokko fi Adaba qarshii Kuma Lamaa itti murtee jira. Jiraattonni akka jedhanitti, kanneen to’annaa jala oolan kun labsiin yeroo hatattamaa ituu hin labsamiin dura hiriira gaggeeffame irratti hirmaachuu isaaniif hidhaman jedhu - jiraattonni. Himatamtoota kudha sadeen irratti ragaa kan ba’an milishoota mootummaa 3 qofa ta’uu illee ibsanii jiran.Kanneen kaleessaa adabbiin irratti murame keessaa tokko kan umriin isaa 15 ta’e barataa Jaahuun Abdusalaam ta’uu isaa fi ragaan mana yaalaa jiraatuus umriin isaa otuu hin dhaqqabiin seera duratti dhiheessuu isaanii dubbatu - jiraattonni.

Bulchaan anaa Masala, Obbo Mohammad Abduraahmaan garuu, kanneen murtiin irratti kenname hookkara kakaasuu fi qabeenyaa barbadeessuu keessatti kannene hirmaatan ta’uu dubbatanii, Jaahuun Abdulalaam umriin isaa 21, jechuun falman. Himatamtoonni mata-mataatti ragaan sadii sadii irratti dhihaatee jira, ragaaleen kunis uummata qabeenyaan isaanii barbada’ee fi saamame, jedhu. Masalaa keessa manni hidhaa guddaan waan hin jirreef jecha, himatamtoonni hidhaan waggaa kudha tokkoo fi baasiin qarshii kuma lamaa ittti murame kun gara mana hidhaa Cirootti geeffamu ibsanii, Bulchaan aanaa kun dubbatanii jiran.

Gabaasaa Guutuu Kana Cuqaasuun Dhaggeeffadhaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG