Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Ragaa Abbaan Alangaa Yoonaatan Tasfaayee irratti Dhiheesse Barbaachisaa Miti Jedhe


Yoonaatan Tasfaayee
Yoonaatan Tasfaayee

Namoota guyyaa saglan darbanii mana hidhaa Qilinxootii mormii nayyata lagachuu gochaa turan keessa tokko han ta’e, Yoonaatan Tasfaayee harra mana murtiitti dhihaate. Wabii abbaa alaangaatin dhihaatan dhaggeeffachuudhaa manni murtii karoorfatee turus, sun hin taane. Sababni isaa abukaatoon Yoonaatan waan isaan itti wabii keennaan erga mormee booda manni murtiis wabiin lamaan dhihaatan bareeffamoonni fuula feesbuukii Yoonaatan irraa baafamanii oggaa maxxanfaaman warra dhabaatee laalee waan ta’anii fi barreeffamni kun han Yoonaatan ta’uu isaanii abukaatoon isaas waan hin haalleef, isaan dhaggeffachuun yeroo mana murtichaa gubuudha Hn jedhu.

Dhumarattis manni murtii barreefamni yoonaatan feesbuukiratti barreessaa ture yakka inni ittin himatamee gituudhaaf dhiisuu isaa qoratee murtii kennudhaa Hagayya 4, 2016 bellama kenneera.

Yoonaatan Tasfaayees mana hidhaa keessatti mirggi isaa dhibbamaa jirachuus mana murtiitti himatteera.

Yoonaatan Tasfaayee mormii Oromiyaatin walqabatee sabqunnamtii hawaasumma iratti waan barreessaa ture irratti hundaa’udhani , ji’a afur dura abbaan alangaa han himata irratti bane.

Manni Murtii Ragaa Abbaan Alangaa Yoonaatan Tasfaayee irratti Dhiheesse Barbaachisaa Miti Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:49 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG