Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Sabaa Himaalee Qeequu Itti Fufan


Traamp Sabaa Himaalee Qeequu Itti Fufan
Traamp Sabaa Himaalee Qeequu Itti Fufan

Prezidaant Donald Trump qeeqa sabaa himaa irratti oofan irra deebi’uu dhaan har’a ganama ennaa konferensii jarmayaa kanneen yaada safuutti cichani kan “Conservative Political Action” jedhu irratti gaazexeessan kam iyyuu gabaasa isaa keessatti madda hin beekmne maqaa dho’uun gabaasuun eeyamamuufii hin qabu jedhan.

Deggertoota isaanii kumaan laka’aman kanneen konfrensii sana irratti wal ga’aniif haasaa dhageesisianiin sabaa himaaleen oduu isaan qeequu fi nama gaarii akka isaan hin taane fakkeesu madda hin beekamne irraa fudhatanii afarsu jedhan Trump.

Trump keessumaa baatii kana gaaxexaa Washington Post irratti maxxanfame kan dhiyeenya aangoo irraa kaafaman gorsa naga eegumsaa Michael Flynn ilaalchisee gabaasan tuquu dhaan qeeqanii jiru.

Walabummaan yaada ofii ibsuu kan heera irra taa’ee jiru ana caalaa kan kabaju hin jiru ka jedhan Trump garuu odu gabaastonni sana jala dadhatanii wa’ee isaanii kijiba gabaasu jedhan.

XS
SM
MD
LG