Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaa Guddinaa Har’a Abukaattoota Isaanii Waliin Wal Argan


Faayilii - Dr. Maraaraa Guddinaa dula nafiladhaa irrattii
Faayilii - Dr. Maraaraa Guddinaa dula nafiladhaa irrattii

Dura ta’aan paartii Kongreesa Federaalawaa Oromoo fi Itti aanaa dura ta’aa gamtaa MEDREK kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa erga harki isaanii to’annaa jala oole Muddee 1 bara 2016 kaasee guyyootii 14 booda har’a Muddee 14 bara 2016 abukaattoota isaanii Obbo Wandimmuu Ibsaa fi Dr. Yaaqoob Haayle Maariyaam waliin daqiiqaa soddomaaf wal arguun isaanii ibsamee jira.

Dr Mararaan harki isaanii lamaan caancala ykn Kaatenaan walitti hidhamee akka ture kan ibsan Obbo Wandimmuun himannaan irratti dhiyaate seera labsii hatattamaa cabsuu akkasumas shoroorkeessummaa lameenuu fakkaataa jechuun Dr. Mararaan dubbachuu ibsan.

Fayyaa isaanii kan ilaaleen dawaa dhukkuba Sukkaaraa fudhataa akka jiran nyaatis mana ofiitii kan dhufuuf ta’us hidhaa keessatti nyaachuun salphaa akka hin ta’in Dr. Mararaan dubbatanii jiran jedhu Abukaatoon isaanii kun.

Dr. Mararaan kutaa tokko keessatti qofaatti hidhamanii akka jiran kana malees fincaaniif ta’uu baannaan guyyaa guutuu itti cufamee akka oolanii fi bulan dubbatan.

Sabaa himaan tokko tokko Dr Mararaa irratti reebichi gaggeeffamuu kan gabaasan ta’us Dr. Mararaan garu kun hin taane jechuun dubbachuu isaanii Obbo Wandimmuu Ibsaa dubbatanii jiran. Dr Mararaan maatii fi firottan isaanii waliin akka wal argan waadaan kan seenameef ta’us haga har’atti nama tokko akka hin argin dubbatu. Dr Mararaan amma iyyuu hamileen isaanii jabaa akka ta’e kan ibsan Obbo Wandimmuu Ibsaa akka seera biyyatti irra jiruutti taanaan abukaatoon nama dhaabatee falmuuf waliin wal arguuf mirga waan qabuuf deebinee wal argina abdii jedhu kan qaban ta’uu hubachisanii jiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG