Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaa Guddinaa Kamiisa Fullee Keenyaa Mana Murtii Duratti Dhiyaatu


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Roobii Kaleessaa Muddee 21 bara 2016 Dr Mararaa Guddinaa wajjin mana hidhaa maakalaawii keessatti wal arguu isaanii kan ibsan abukaatoo ka ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa harki isaa akka torban darbee walitti hidhamaa hin turre jedhan.

Dr Mararaan yeroo sadii polisootaan kan qorataman ta’us galmeen seeraan qophaa’ee yaada isaanii kan hin laanne ta’uu Obbo Wandimmuun ibsanii jiru.” Dr Mararaan yeroo Braasals keessa tureetti garee mootummaan Itiyoophiyaa shoroorkeessaa dha jedhee ramade waliin wal argee ergama fudhatee dhufe “ jechuun gaafatamuun beekamee jira.

Gama kaaniin Dr Mararaan erga hidhamanii booda reebamaniiru oduun jedhu soba jedhan. Dr Mararaan Kamisa fullee keenyaa jechuun Muddee 29 bara 2016 mana murtii duratti kan dhiyaachuuf jiran ta’unu beekamee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG