Xurree ittiin seenan

Maratoonii London ta kalee Dhiiraa fi Dhalaalleen Keenyaatti Moo’ee,Tigisti Tufaa Lammeessoo Baate

  • Soraa Halakee

Atileeti Keenyaa Eluid Kipchoge

Atileeti Keenyaa Eluid Kipchoge

Dorgommiin London,dorgommii IAAF (International Association of Athletics) Waldaa Atileetiksiin addunyaa qopheessu keessaa tokko.

Dorgommii km 42 kalee Londonitti dprgoman nama kuma 38 irratti wal qolchee kuma 300 dhiyaautti bahee daawwate.

Dhiiraa fi dhalaalleen Keenyaatti moo’e. Dhiiraan Eluid Kipchoge tokkeessoo. Ganna shanan dabranilleen isumatti moohe.Namii isatti aanee moohellene Stanley Biwott atileetuma Keenyaati.

Itoophiyaan sadeessoo, Qaniisaa Beqqeleetti mooheef.Eeritraan afreessoo Girmaay G/Sillaaseeti mooheef.

Dubralleen Keenyaatti moo’e.Jemiimaa Sumogongiti mooheef.Atileetiin tun adoo ceetuu gufattee jiddee kaatee tokkeessoo taate.Itoophiyaaln lammeessoo Tigisti Tufaatti mooheef.

Sadeessoolleen Keenyaa,atileeti Filoorence Kiplaagaati.Atileetotii Itoophiyaa ta dhibiin 4,5,6 essoo bahan

Itoophiyaa fi Gaanaan dorgommii kubbaa miilaa U20 bara 2017f walti qophaahuutti jiran.

Dorgommiin tun ta CAF,Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa qopheessu. Biyya 8 irratti wal dorgoma.Warrii dabre afran dorgommii U20 addunyaa FIFAn bara bara 2017 Kooriyaa Kibbaatti qopheessuuf Afrikaa fulaa bu’ee dabraa biyya Afuritti Afrikaa keessaa dabra.

Gaanaan Marroo sadii dorgommii U20 Shaampiyoonaa taate tun eeguma diqquma dorgommii tana keessaa hin bahin Jimaata dabre Somaalee 2-0 mootee abdii horatte.

Abbaan tapha Itoophiyaa fi Gaanaa moo’e tapha marroo sadeessootiif abbaa Taanzaaniytaa fi Senegaal keessaa moo’e waliin taphatan.

Tapha U20 kana Zaambiyaatti qopheessaa Gurrandhalaa 26 haga fi Bitootessa 2017 taphatan.

Kilabii U20 Gaambiyaa

Kilabii U20 Gaambiyaa

​Zaambiyaan qopheessite malee biyya torbatti dorgommii tanaaf walti hafa. Gaanaan dabruuf Itoophiyaa moohuu qabdi.

Dorgommii Biskileetii

Tour Eritrea

Tour Eritrea

Dorgommii biskileetti biyytii saddeeti hagii tokko irratti dorgoman Eertiraatti moo’e. Dorgommiin tun ta biskileetiin tarbee koranii bu’aanii naannoo Dongoloo jedhanitit wal dorgoman.

Dorgommii fulaa shanitti qoodan tun Mitsiwwaa haga Asmaraa karaa km 133 wal dorgoman.Tana jidduutti tarbee afur koranii bu’an.

Dorgommii tana atileetii Eertiraa Miliyoon Amaanuh’eelitti saatii sadii fi sekondii 58 moo’e. Namii isatti aane atileetii Riwaandaa Joosef Areruyati.

Dorgommii tana atileeota 8 irratti wal qolchee;sadii Eeritaa,kaan Suudanii, Masrii, Riwaandaa,Xaliyaanaa fi Jermeni dhufanii wal dorgome.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG