Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dureessii Naayjeeriyaa Beekamaan Tokko Qabeenya Isaa Dargaggoota Afrikaa Yaadaa Guddaa Qaban Jedheef Hiraa Jira


Marii Dargaggota Afrikaa fi Diinagdee Irratti Xiyyefate
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:42 0:00

Marii Dargaggota Afrikaa fi Diinagdee Irratti Xiyyefate

Dargaggoonni Afrikaa dhiyoo kana marii hojjaa-uumuu fi teeknooloojii irratti xiyyeeffate New Yoorki Amerikaatti taa'aa turan.Dargaggoonni marii kana irratti argaman bayyinaan hidda dhalata Afrikaa dha haa ta’an malee kaan biyya alaa warra jiraatan.Kaan imoo mari tana iratti hirmaachuuf biyyaa isaaniiti dhufan. Han asuma, Ameerikaa fi biyoota Awrooppaatti dhalatanii amma hojii adda addaa Afrikaa keessatti hojjachaa jiranis jiru.

Mariin sambat-duraa darbe , Niiw yoorkitti ta’ame kun han xiyyeeffate hojii umuu fi daldala iratti mari'ate. Namoonni yaadaa haaraa maddisisanii yaada isaanii hojiirra oolchudhaan milkaa’an muuxannoo isaanii hiraniiru.

Toonii Aaluummeeluu biyyi isa Naayjeeriyaa dha, abbaa qabeenyaati . Qabeenya isaa garuu ijoollee isaa qofaa odoo hin ta’in dargaggoo qaroo ta’anii yaada haaraadhan dhufanin gahuudha. Dhaaba “Toonii Alumeluu Foundation" jedhamu dhaabera. Tooniin dargaggoota biyyoota Afrikaa adda adda irraa hojii fi teknooloojii haaraa qaban kuma kudhaniif $10,000 fi leenjii hojii daldalaa guutuu kaffalti malee kenna.

Maatiyaas Wandoosan immoo Ameerikaatti dhalatee guddate. Gaanaatti godaanee dhaaba hammayaa barumsa herregaa qorachuudhaa gargaaru tokko wajjin hojjata. “Umuma kiyyaan dandeetii fi fedhii hojii haara uumun qaba. Kanaafan yeroo fi waanan qabu kanarra olchee hojjachaa jira,” jedhe.

Ummata Afrikaa keessaa harki 63 dargaggoo oggaa 15 amma 24ti. Kana keessaa immoo hojii han qabu harkka 33 qofa. Ogeessonni waan kana qoratan, xiyyeeffanoon hojiiwwaan qonnaa, teknooloojii fi hojii uumuu irratti hoo godhame, dargaggooni kun humna ardii kanaaf ta’u danda’an jedha gabaasni Heenook Samaagzabeer.

Dureessii Naayjeeriyaan Beekamaan Tokko Qabeenna Isaa Dargaggoota Afrikaa Yaadaa Guddaa Qaban Jedheef Qoode
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG