Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Dhaloota Qabsaawaa Mirga Ilmaan Namaa, Maartin Luuter Kiingi ulfeeffachuuf Biiroollee Cufaa Oolfatte


Maartiin Luteer Kiingi Qabsoo Kara Nagahaa Akkamitti karoorse?
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:00 0:00

Maartiin Luteer Kiingi Qabsoo Kara Nagahaa Akkamitti karoorse?

Hardhaa guyyaan,Ammajjii 18,2016 ka Maartin Luter Kingiiti.Maartin Luuter Kingi nama seenaa Amerikaa jijjiire keessaa tokko.Atilaantaa Jiyoorjiyaatti dhalate. Namii gurrachii Amerikaa jireenna garbummaa jalaa bahee akka namaa adiin wal qixxee jiraachuu malee jedhee qabsaahaa bahe.

Qabsoon ammoo karaa nagaatiin tahuu malte jedhee addunyaa jijjire.Qabsoo karaa nagaa Matamaa-Gandii, Abrahaam Linkoolin fa irraa fkn fudhate.

Amerikaan yoo dhaloota Maartin Luuter Kingi ulfeeffattu jireennaa isaatii fi hujii isaatiin ulfeessiti.Maartin Luuter Kingi ummataa abdii, jabeenna, dhugaa, faaydaa, ulfinna, garaa laafinna, obsaa fi waan hedduun kennee fi biyya fayyise.

Bara 1955 keessa hujii gara ahammeennaa hamaa mootummaan Amerikaa ummataa gurrachatti fide mormuuf akka namii otoobusii ummataa magalaa Montigomeriitii fi Alabaamaa hin yaabbannee tolchee magaalii sun kasaarteen tolchee achumaan maqaan baheef.

Guyyaan dhaloota Maartiin Luuter Kingi akka ulfeessan perezidaantii Amerikaa Roonaaldi Regenitti akka guyyaan kun Wiixata torbaan sadeessoo Ammajii irra oolu bara 1983 keessa seera baase.Dhalootii isaa silaa Ammajii 15,1929.

Kongireesiin Amerikaa ammoo akka guyyaan kun guyyaa ummatii hujii hawaasummaa hojjachaa guyyaa dhaloota Kingi qaabatee guyyaanis sadarkaa Federaalaatti ulfeeffamu bara 1994 keessa seera baase.

Barii sun bara nama gurraacha akka malee miidhanii akka namaattu hin lakkaane.

Qabsoon achii kaate keessaatu bara 1950 fi bara 1960 keessaa dubbii seenaa qabdu ka Maartiin luuter Kiingi egeree Amerikaa argee “Garaatti wa na argaa,” ingilifffnaan “I have a dream,” jedhu dubbatee bara 1963 keessaa hiriirii guddaan Waashignton DC-tti yaameen walti makamtee ummata chochoofte.

Qabsoo tanaan bara 1964 badhaasa Noobel argatee akka perezidaantiin USA ka gaafasii Lyndon Johnson akka namii gurrachii mirga isaa male argatu hajaju baasu tolchiteef.

Maartin Luuter Kiingi isaa ummataa qabsaasuu fi hiriira hojjatootii nama gurrachaa akka mindaan dabalmuuf gaafachuu bahan dhaquutti jiruu bara 1968 Memphis Tenesiitti galaafatan.

Taatullee addunyaan hardhaa fi egerillee Maartn Luuter Kingi hujii innii ummata hojjate,waqixxummaa adii fi gurraachaa qabsaahe qofaa adoo hin tahin namii akka ilmee namaattu ulfinna argatu tolchuuf qabsaahee lubuu itti dhabeen faarsaa jiraatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG