Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miilaa Fayyaa Argadhaa Jenneen Nulleen!


Yoomiif Qajeelchaat fi Genzebee Dibaabaa
Yoomiif Qajeelchaat fi Genzebee Dibaabaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:25 0:00
Xurree marsariitii

Yoomiif Qajeelchaatii fi Genzebee Dibaabaa atileeota addunyaa irratti dorgommin guddachaa dhufuutti jiran.

Yoomiif nama ganna 18 Genzebeen ammoo nama ganna 25ti.Yomiif bara 2013 keessa dorgommii metirii 3000 Denteski, Yukrenitti Shampiyonaa Dargaggoo Addunyaa(IAAF) moohuu jalqabee eegii sunii asitti metiri 2000 haga 5000 moohumatti jira.

Shaampiyoonaa Istaadiyoomi Keessaa,Federeshiiniin Waldaa Atileetota Addunyaa (IAAF) Bitootessa 17-20,bara 2016 Oregon,Poortilaandi Amerikaatti istaadiyoomii keessatit qopheessan metiri kuma 3000 irratti dhiiraan isatti moohe.Dorgommii Indoor,istaadiyoomii keessatti qopheessan ta akkanaa yoo duraatiif moohe.

Qajeelchaan asii achi dorgommii Diamond League fi Olompikii Rio, Biraaziliif ufi qopheessa jedha.

Gama dubraatiin ammoo ammoo dorgommii Orgeon tana Genzebee Dibabaatti metirii 3000 tana moohee badhaafame.Genzebeen dorgommiin tun guddaa natti hin ulfaannee maatii fi biyya tiyyaallee gammachuu jette.

Atileeti Genzebeen maatii obboo Dibaabaa addumnyaa irratti fiigichaan beekama ka duraati.Obboleettiin Ganzabee angafii,Xurunesh marroo shan dorgomi Olompikii metirii 5000-10,000 moote.

Genzebee Dibaabaa nama ganna 25 rekordiin addunyaa metirii 1500, metirii 3000 fi metirii 5000 ammallee harkuma isii jirti.

Bara tokkoo Olompikii Chaayinaa mootee isii istaadiyoomii Chaayinaa keessa jirtu ‘ilmaan obboo Dibaabaa maanti akkana fiigsisaa’ jennaan;

“Ilmaan obboo Dibaabaa qofaa mitii namii hundu yoo jabaatee hojjate waan hedduu golchuu dandahaa,”jette.

Dorgommii baranaa tana irratti atileetota hedduutti dorgome.Great Britain waan bara 1997 asitti argitee hin beennee dorgommii tana irratti warqii tokkollee hin arganne.

Amerikaan ammoo madaaliyaa 23 mootee tokkeessoo taatee,Itoophiyaan madaaliyaa shaniin kana keessaa warqii lamaa shaneessoo taate.

Raashiyaa atileetotii isii hedduun qorsa humna namaa kennu liqismani dorgoaman jedhanii ji’a dabre keessaa dorgommii dhowwan.

Itoophiyaan biyya fiigichaan addunyaa irratti guddoo beekana,atileetotii tun hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufan.Milaa fayyaa argadhaa jenne!

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG