Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miniisotaa Keessatti Dargaggoon Oromo Ta’uun Isaa Ibsame Shoroorkeessummaadhaan Hidhaan Waggaa 15 Itti Murame


Faayilii - milishoota Islaamiik Isteetii meeshaa waraanaa fi alaabaa isaanii olkaasaa deemaan, Iraaq
Faayilii - milishoota Islaamiik Isteetii meeshaa waraanaa fi alaabaa isaanii olkaasaa deemaan, Iraaq

Kutaa Yunaaytiid Isteetes kan taate Minisootaa magaalaa Miniyaapolis keessatti dargaggoon umriin 21 Hamzaa Ahmad jedhamu namoota ka biroo sadii wajjiin baatii Sadaasa bara 2014 gara Niiw Yorkiitti imaluun sana booda xayyaara gara Griikiitti imalu erga seenanii booda Waajirri qorannoo Federaalaa ykn FBI keessaa buusuu isaa ibsamee jira.

Imaltuun sunis gara Siriyaa seenuuf akka ture FBI ibsee jira.Baatii Ebla baranaa himannaan irratti dhiyaate garee hidhattoota Islaamiik Isteetes qabeenyaan deggeraa akkasumas gargaarsa maallaqaa barnootaaf argate imaltuu kanaaf oolche kan jedhu ture.

Kunis eega ilaalamee booda balleessaa ta’uun kan irratti muramee yoo ta’u hidhaan waggaa kudhashaniin akka adabamu ta’e.Hamzaan dhaamsa Twitariin barreesseen hidhattoota siriyaa fi gootoota biyyatti kanneen wareegamanti dabalamuu akka fedhu beeksisee ture.

Namoonni sadeen xayyaara keessaa akka bu’an ta’e suun hidhaa waggaa adda addaan Wiixata kaleessaa Sadaasa 14 bara 2916 adabee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Abbaa Dargaggoo Oromo Shoroorkeessummaadhaan Hidhaan Waggaa 15 Itti Murame Dubbatan

XS
SM
MD
LG