Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Waa’ee Gaaffii Oromoo Tarkaanfii Mul’ata akka Fudhatu Irraa Eegna: Itti aanaa Ministera Ameerikaa


Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii Tom Malinowski hooggantoota Itiyoopiyaa wajjin marii godhan.
Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii Tom Malinowski hooggantoota Itiyoopiyaa wajjin marii godhan.

Iyyannaan Uummata Oromoo dhuga-qabeessa ta’uu isaa kan amane - mootummaan Itiyoopiyaa itti aansuudhaan, sochii hojiin mul’atu gochuun akka irraa eegamu Yunaayitid Isteets beeksistee jirti. Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii Tom Malinowski kanaa fi dhimmoota ka biroo irratti angawoota Itiyoopiyaa waliin mari’atanii jiru.

Rakkoon uummataa hanga hiikamutti Mootummaan waltajjii siyaasaa akka banu, Walodoonni Siivikii dhimma Oromiyaa ilalchisee akka itti gaafatama isaanii ba’an fi Mootummaan tarkaanfii humna waraanaa giddu-galeessa godhate fudhachuu irraa akka of qusatu hubachiisan itti aanaa Ministerri Ameerikaa kun. Eskinder Frew, Finfinneetti ministericha haasofsiisuun gabaaseera.

Mariin sun kan waggaa ta’us dhimmootiin irratti mari’ataman garuu kan yeroo ti. aanaa ministeerri dhimmootii dimokraasii mirga namaa fi hojii Tom Malinowski kaleessa kan wal argan angawoota mootummaa waajjiraalee adda addaa bakka bu’an waliin ture.

Tom Malinowski,Ministri Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii
Tom Malinowski,Ministri Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii

​Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa Itiyoopiyaa obbo Geetaachoo Reddaa minister deettaa ministrii dhimma alaa Ambasadder Taayyee Isqesillaasee fi kanneen biroon mootummaa Itiyoopiyaa bakka bu’anii argamuun isaanii tuqameera.

Haala Oromiyaa qabee hanga qooda hawaasi siivilkii qabuu, fi mootummaan dimokraasii ijaaruuf tattaaffii inni godhu dhimootiin ilaallatan irratti mari’atamuu Tom Malinowski VOAf ibsaniiru. keessumaa dhimma Oromiyaa gama ilaaleen mootummaan itti gaafatama fudhachuun tarkaanfii gaarii ta’uu himanii hojiitti garuu hiikamuu qaba jedhan.

Mootummaan haala Oromiyaa keessatti uumame gama ilaaleen itti gaafatama isaa kan ta’e mul’inatti fudhachuu isaatti ajaaffamuu koo dubbachuun qaba. Uummatichi yannaa dhuga qabeessa kan inni jedhe ilaalchisee furmaata kennuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu isaatti. Yaadawwanii fi ibsa mootummaan baase sana arginee jirra. Simanneerras. Sana immoo mootumman hojiitti akka hiiku eegaa jirra. Har’a kan nuti mari’anne kana jedhan.

Haala Oromiyaa keessatti uumameef sababaan dhabamuu bulchiinsa gaarii ta’uu isaaf kanaafis itti gaafatama akka fudhatan muummichi ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny ibsuun isaanii ni yaadatama. Marii kaleessaa sana irraa ka’uu dhaan kan dubbatan itti aanaa ministerichi Ameerikaa kun iyannaan uummataa, akkaataa fayyadama lafaa, malaammaltummaa fi dhabamuu bulchiinsa gaariitiin akka mul’atu tuqanii jiru. Mootummaan rakkoolee kana furuuf yeroo fudhachuu akka danda’us ni amanu.

Kun hamma ta’utti garuu tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuun akka irra jiraatu ibsaniiru. Dhimmootii cimoo akkasiif furmaata kennuuf mootummaan yeroo itti fudhachuu mala. Yaaddoon keenya inni guddaan wayituma kana immoo mootummaan uummaticha biraa amantaa horachuuf yaalii gochuu qaba. Kanas kan inni godhu falmii fi hirmaannaa siyaasaaf waltajjii banuu qaba. Kanas hawaasi sivikii haala Oromiyaa keessatti qooda akka qabaatu carraa kennuufii, uummanni Oromoo yaaddoo isaa akka dhiyeeffatuuf gargaaruu, mootummaan walitti bu’iinsa uumameef deebii kennuuf tarkaanfii waraana giddu galeessa godhachuu irraa of qusachuu qaba jedhan.

Ministrii dhimma alaa Ameerikaatti itti aanaa ministeerri dhimmootii dimokraasii mirga namaa fi hojii Tom Malinowski dawwannaa Itiyoopiya kan guyyaa tokkoo xumuranii har’a gara Rwandatti qajeelaniiru. Itti aansanis gara Burundii fi Keeniyaatti kan imalan ta’uun ibsameera jechuu dhaan Eskinder Frew Finfinneerraa gabaaseera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:10 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG