Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Haajaa Alaa Amerikaa Haawwan Hujii Jajjabduu Hojjatan Jedhe Badhaase


bitootessi 8 guyyaa biyyitii hedduun waan rakkooo haawwanii fi ijoollee dubraa irratti mari’chaa,waan isaan argachuu malan dubbachaa waan isaan keessa dabaran keessa jiranii fi itti yaahanii mari’atanii addunyaallee gurra buusan.

Minsiterri haajaa alaa Amerikaa ammoo guyyaa dubratoota addunyaa baranaatti, haawwan biyya jiranitti bulchiinsa dansaa bulchaa, waan jireenna namaa jijjiiraa hojjachaa rakko haawwanii fi ijoollee dubraa irra geettu dubbachaa fala itti barbaadan jedhee badhaase.

Badhaasa baranaa ka hagii guddaan biyya Musliimaatii kenname kana dubartoota biyya 10tti aragate.Hujii prezdaantummaatii haga hujii gaazexeessummaa hojajtanitti argate.

Jarii badhaafame kun hagii tokko ka biyya ijoollee dubraa itti barsiisuun wanjala taatetti dhossaan barachaa nama hedduu fkn tahan faha.Minsiteri haajaa alaa Amerikaa Hilary Clinton hujiin akkanaa tun waan jabeessuu malan jedhu.

Mee MP3 tana irraa oduu guyyaa dubartootaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG