Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-dhibdee Cimaa DHDUO Keessaa, G. fi D. Miseensa Koree Gidduu Waliin


Miseensonni Koree Giddu-galaa Dhaabbata Dimookiraatawa Uuummata Oromoo, kan OPDO -- walga’ii isaa yeroo adda addaatti Adaamaatti geggeesse irratti wal-dhibdeen cimaan gidduu isaanitti uumamuunii fi adda-qoodamuun walii-galtee dhabuun isaanii gaazzexoota dabalee maddeen adda addaan odeessamaa ture. Giddu kana immoo kan Miseensa Giddu-galaa OPDO fi sadarkaa Federaalaatti Ministara Siivil Servisii turan Obbo Juuneddii Saaddoo koree hoji raaw’achiistuu fi koree giddu-galaa keessaa baasamanii sadarkaa miseensa leexaatti gad-buusamuu gaazzexaan Reporter gabaasee jira. Wal-dhibdee OPDO keessatti deemaa jiru kana ilaalchisee kan akka maqaan isaanii himamu hin feene gaafatan --- Miseensi Koree Gidduu jaarmayichaa tokko ibsa telefoonaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, Dhaabbatni Dimookiraatawa Uummata Oromoo, miseensota hooggana isaa kanneen hoogganoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti hidhata qabanii fi kanneen dhaabichi caasaa ofiin geggeessamuu qaba, jedhan gidduutti wal-dhibdee fi wal-mormiin jiraachuu dubbatan.
Kanneen dhiibbaa hoogganoota Adda Bilisummaa Uuummata Tigiraay irraa DHDUO irra kaa’ama, jedhan morman – miseensonni Koree Giddu-galaa dhaabbatichaa du’a Muummicha-ministaraa Melles Zeenaawii tii booda Mootummaan Federaalas tahe Mootummaan Bulchiisa Naannoo Oromiyaa akkamitti itti fufuu qaba? – ka jedhu irratti warra hidhata hoogganoota ABUT qaban wajjiin wal-mormii cimaa qabaachuu fi “diina” waliin jechuun uumame dubbatan. Dhimmoota wal-mormsiisoo tahan keessaa tokkoo waa’ee filannoo Muummicha-ministaraa haaraa ta’uu illee eeranii jiran – Miseensi Koree Giddu-galaa Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromoo kun.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa mallattoo armaan gadii tuquun dhaggeeffadhaa.

Gaaffii fi Deebii miseensa KG DHDUO waliin geggeessame dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:59 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG