Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo keessatti Sagalee Kennuun Rakkoo Ofii Dhageessisuufis Furmaata


Bakka Bu'aa Mana Marii Bakka Bu'oota Uummata Ameerikaa kutaa MN Keith Ellison
Bakka Bu'aa Mana Marii Bakka Bu'oota Uummata Ameerikaa kutaa MN Keith Ellison

Onkoloolessa 16 bara 2010 jechuun, Sanbata dabre kana Waldaa Dargaggoota Oromoo Addunyaatiin walga’iin uummataa waamame kutaa Minesootaa magaalaa Minihaapoolis keessatti geggeessamee jira.

Oromoo lammiiwwan Ameerikaa ta’an deemsa siyaasaa Amerikaa keessatti akka hirmaatan dadammaqsuu akkasumas rakkoolee hawaasichi akka lammii biyyattiitti qabu irratti angawoota ol’aanoo Ameerikaa waliin mari’achuutti ka fuuleffate ture, walga’iin Sanbata geggessame kun.

Akka lammii Amerikaatti siyaasatti hirmaachuun mirga lammummaa keenyaa ba’uu qabna, bu’aan argachuu qabnus nu darbuu hin qabu jedhan hirmaattonni walga’ichaa.

Walga’ii kana irratti miseensonni Mana-maree Yuunaayitid Isteets, seneeteroonnii fi angwawoonni sadarkaa ol aanaa ka walga’ii kanatti hirmaatan yoo tahu, kanneen keessaa tokko miseensa Mana-maree, bakka-bu’aa kutaa Minesootaa Keith Ellison tokko.

Lammiiwwan hawaasa Oromoo naannoo Minnesotaa fi naannawa ishee jiraatan hedduun walga’ichatti hirmaachuu isaanii illee dubbatu, qindeessitoonni walga’ichaa.

Guutummaa oduu kanaa MP3 tuquun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG