Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensoota Keenya Hidhaa Keessa Jiran Arguu Dhorkamne: Paartilee Mormituu


Miseensoota Keenya Hidhaa Keessa Jiran Arguu Dhorkamne: Paartilee Mormituu
Miseensoota Keenya Hidhaa Keessa Jiran Arguu Dhorkamne: Paartilee Mormituu

Miseensoota paartilee mormituu kan MEIAD fi Samaayaawii Paartii kanneen mana hidhaa Qilinxooi keessatti hidhaman dubbisuuf deemee kan ture qaamii hoggana paartilee lameen ituu ijaan hin argiin akkasumas waan isaanii kennuuf fudhanii deeman deebisanii fudhanii galuuf dirqamuu dubbatu.

Maallaqa walitti eega qabanii booda Kanneen hidhaa keessa jiran kanaaf uffataa fi mi’a garaa garaa bitanii deemuu isaanii dubbatu. Keessumaa miseensonni paartilee lameenii kanneen kutaa biyyaa irraa qabamanii mana hidhaa Qilinxoo keessatti hidhaman uuffatii waan irratti dhumeef akkasumas hangi tokko immoo karaa nagaan qabsa’aa turuu isaanif xalayaa ragaa godhatan barbaadu waan ta’eef deemne jedhu.

Namoota gaaddisa seeraa jala jiraniif mirga heeraan kennameef dhorkuun sirri miti waan ta’eef mootummaan haala kana qajeelinaan ilaalee akka sirreessuuf gaafatan.Garu mootummaan gocha kana beekaa hojjata yoo ta’e immoo ibsa baafnee uummata beeksiifna jedhu paartileen lameen.

Miseensoota Keenya Hidhaa Keessa Jiran Arguu Dhorkamne: Paartilee Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:10 0:00

XS
SM
MD
LG