Xurree ittiin seenan

Breaking News

Teknooloojiin Mobaayilaa ragaa galmee walitti dabarsuuf murteessaa dha


Fayyadama Mobaaylaa Naayroobii keessatti
Fayyadama Mobaaylaa Naayroobii keessatti

Teknooloojii kan akka mobaayilaan ragaalee walitti qabuu dhaan biyyoota Afriikaaf imaammata bu’aa qabu qopheessuu akkasumas dandeettii isaanii waa murteessuu ol guddisuuf kan qophaa’e projektiin tokko jalqabamee jira.

Gama teeknooloojiiwwan haarawaa kana ragaalee walitti qabuun bu’aa gaarii hedduu qabaachuun isaas ibsamee jira.

Text: har’a galma tokkummaa mootummootaa kan waaltaa dinagdee Afriikaa keessatti woorkishooppiin bu’aa teeknooloojiiwwan moobaayilaa irratti akka ibsametti adeemsi ragaalee walitti qabuu biyyoota Afriikaa hedduu bodoatti hafaaf waraqaa irratti kan fuuleffate.

Work shooppii kana haasaa dhaan kan banan itti gaafatamaan waaltaa staatstiksii fi kutaa ragaa teeknooloojii Mr. Doozee Ezik Baalaayiik ragaan staatstiksii murtii kennuuf murteessaa ta’uun hundumaa biratti fudhatama qabaachuun kan wal falmisiisu miti jedhan.

Komiishina dinagdee Afriikaa fi gamtaa Afriikaa dabalatee waaltaaleen addunyaa hedduun ardittiin dandeettii isee kan Istaatstiksii akka jabeeffattuuf deggersa adda addaa kennaa turuu isaanii illee ibsanii jiran.

Kaayyoon ijoo kan Projektii Teknooloojii mobaayilaan ragaalee walitti qabuu dhaan biyyoota Afriikaaf imaammata bu’aa qabu qopheessuu akkasumas dandeettii isaanii waa murteessuu ol guddisuuf qophaa’e-s isuma kana jedhan.

Boqonnaa duraa projektii kanaa keessatti biyyoota haammataman keessaa Itiyoopiyaan tokko.

Kanneen work shoopoii kana irratti waraqaa qorannaa dhiyeessan keessaa tokko Waajjira waldaa Istaatstikii Itiyoopiyaa irraa Obbo Zelaalem Destaw tokko ennaa ta’an ba’iin qorannaa isaaniis adeems Istaatstiksii biyyattii dhiibbaa inni qabaachuu danda’u ibsaniiru.

///Act #1///

Projektii hojjennu Kanaan qorannaa geggeessaa jirra. Qorannaalee kanneen biroof mala kana bal’isnee yoo ittiin hojjenne bu’aa qabaa kanjedhu qorannaa yaalii ti.

Qorannaan kun waggaa tokko fudhate. Ba’iin isaas kan mul’isu bu’a qabeessa ta’uu isaa ti. Kanas qorannaalee ka biroof ragaa walitti qabuuf itti gargaaramuu dandeenya.

///end///

Ragaan karaa teeknoloojii mobaayilaa walitti qabamu ragaalee waraqaan walitti qabamu irra sababaa inni itti wayyu kan ibsan obbo Zelaalem yeroo, baasii fi dandeettii qusachuu isaa irra iyyuu qulqullina ragaa sanaas gama hedduun ol guddisa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG