Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Mooraan Dadaab Cufamu Baqattoonni Eessa Deemu?


Ijoollee mooraa baqattootaa Dadaab kessaa, Fulbaana,20, 2016.
Ijoollee mooraa baqattootaa Dadaab kessaa, Fulbaana,20, 2016.

Baqattoonni mooraa Dadaab, ka biyya Keeniyaa keessa jiran, yoo mooraan sun cufame haala isaan mudachuu malu irratti ka yaaddoo qaban ta’uu dubbatu. Akka baqattoonni kun jedhanitti, lammiwwan Somaalee mooraa sana keessa jiraatan gara biyya isaaniitti akka deebifaman, lammiwwan ka biroon biyyoota akka Itiyoophiyaa, Sudaan, Birundii, Koongoo fi ka biroo keessa irraa gara mooraa sanaatti baqatan garuu, gara mooraa Keeniyaa keessaa ka biraa – Kaakumaatti ka godaansisaman ta’uun itti himamee jira. Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Sagantaa Afaan Somaalee irraa – gabaasaan magaalaa Gaarrisaa jiru gara mooraa sanaa deemuun baqattoota haasofsiise keessaa tokko --- dura-taa’aa hawaasa baqattoota Oromoo mooraa Dadaab keessaa ti.

Yeroo Mooraan Dadaab Cufamu Baqattoonni Eessa Deemu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:51 0:00

Mooraan Dadaab kan ururii waggaa digdamii shanii qabuu fi namoonni kuma dhibba sadi’ii ol tahan keessa jiraatan ta’uu ka dubbatu – dura-taa’aan Hawaasa Baqattoota Oromoo moraa Dadaab kun, “namoonni baay’een yeroo dheeraa achi jiraachuu irraa kan ka’e akka mana isaaniitti ilaalu. Ijoollee isaanii illee achumatti barsiifatan” jedha. Gasma biraan, mooraa sanaa fi mooraalee Keeniyaa keessaa ka biroo keessatti, keessummaa baqattoota Oromoo, rakkoon hedduun ka mudachaa ture ta’uu illee dubbata.

Akkuma jedhamu kanatti -- mooraan Dadaab kun cufamee, lammiwwan Somaalee irraa kan hafe warri kaan ennaa gara mooraa haaraattti geessaman keessumaa, kanneen Itiyoophiyaa irraa dhufan – hawaasa Oromoo faa keessaa ka yaaddoo guddaa qaban hedduu ta’uu dubbata – dura-taa’aan hawaasicha baqattootaa Dadaab.

Baqattoonni eega mooraa Dadaab keessa qubatanii, waggoota kudha-afur caalaa turanii fi dhimmi isaanii fudhatama dhabe, ennaa warri kaan godaansifafman, haalli isaan mudatu maal ta’a? ka jedhu illee yaaddoo guddaa akka ta’e dubbatee jira. Yaaddoo isaanii kana, bulchitoota moraa sanaatti dhiheeffachuu isaanii illee dubbata.

Mooraan Dadaab silaa kan amma cufuuf ture, gara baatii ja’aatti dheeressuu isaa, guyyoota xiqqoo dura akka labsee jiru – dura-taa’aan hawaasa baqattoota mooraa Dadaab kun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG