Xurree ittiin seenan

Breaking News

To’attonni Tokkummaa Mootummotaa Battalumatti Akka Aleeppoo Seenaniif Golli Naga Eegumsaa Raggaasisee


To’attonni Tokkummaa Mootummotaa Battalumatti Akka Aleeppoo Seenaniif Golli Naga Eegumsaa Raggaasisee
To’attonni Tokkummaa Mootummotaa Battalumatti Akka Aleeppoo Seenaniif Golli Naga Eegumsaa Raggaasisee

Aleeppoo gama bahaa kan Siriyaa keessa to’attonni tokkummaa mootummotaa battalumatti akka seenaniif golli naga eegumsaa sagalee guutuun raggaasisee jira.Faransaayiin akka jettutti tarkaanfiin kun fixiinsa uummataa kan humnootiin siriyaa fi hidhatonni geesisan ittisuuf gargaara.

Maadhee riphxee looltootaa ishee dhumaa kan taate Aleeppoo kan Siriyaa keessaa har’a uummata baasuun kan itti fufee yoo qabsaa’onnii fi aangawoonni nannoo akka jedhanti uummata awutoobuusa digdamaan Aleeppoo gama bahaa irraa gara naannoo mormitootaatti geeffamanii jiru.

Uummanni kumnii hedduun amma iyyu Aleeppoo gama bahaa keessa kan jiran yoo ta’u iddoo sana bara 2012 kaasee riphxee looltotaan kan bultu ta’uun ni yaadatama.Garu duula humnootiin mootummaa gaggeeessaa jiraniin lafa qabatan mara dhabaa jiru.

Uummata Aleeppoo keessaa baasuuf mootummaan gama isaan gaaffiin dhiyeesse kanneen kutaa Idlib Kaaba-dhiyaa Fouaa fi Kefrayaa keessatti siviloota dhukkubsatanaii fi madaa’an akka ba’aniif ehamamuufi qaba jedhe.

Kanaaf jecha uummanni Awutoobuusa kudhaniin har’a magaalaalaee kana lamaan keessaa baafamu Briteen keessa kan maadheffate gareen siriyaan obsarvaatorii foor hiyumaan raaytis jedhamu beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG