Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Fiqaaduu Tasammaa: Mootummaan Badii Ofii Amanus Hidhamtoonni Marti Ni Hiikamu Jechuu Miti


Fiqaaduu Tasammaa , Hoggaanaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa
Fiqaaduu Tasammaa , Hoggaanaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa

Itti gaafatamaan dhimmootii Komunikeeshinii mootmmaa naannoo Oromoyaa Obbo Faqaadu Tasammaa Raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsantti Mootummaan Federaalaas ta'e kan Oromiyaa Mormiin gaggeeffame bulchiinsa gaarii dhaba irraa madde jedhee amanuus deemsa ture kessaatti kanneen yakka adda addaa rawwataniin to'annaa jala jiran walaba ba'u jechuu miti jedhan.

Kanneen to'annaa jala turanii fi amma iyyu jiran dhimmi isaanii sadarkaa sadiitti qodamee akka iaaalame ibsanii akkuma to'annaa jala oolantti battaluma kan gadhiifaman, to'annaa jala turanii barnooti eega kennameefii booda kan gadhiifaman akkasumas amma iyyu to'annaa jala kan jiranii fi kanneen yakki rawwatan ragaan irratti dhiyaatee seeraan ilaalamaa jiran jedhu.

Akka kanaaniis dhiyeenya kana namoonni hedduun barnoota eega argatanii booda Xollaay keessaa gadhifamuu kan ibsan Obbo Faqaaduun lafa to'annaaf turantti dararaan irra ga'e tokko iyyuu hin jiru jedhu.

Humootii waraanaas ta'e aangawoota mootummaa walitti bu'iinsa Oromiyaa keessatti uumameen lubbuu galaafatan ykn yakka adda addaa rawwataniin to'annaa jala oolan yoo jiru ta'e kan gaafataman Obbo Faqaaduun gara fuula duraatti kan ibsamu ta'a jedhan.

Kan dhiyaanya kana miliqee ba'e waraabbii sagalee walgahii DH.D.U.O irratti Obbo Abba Dulaa Gammadaa akka dubbataniitti mormii Oromiyaa keessatti dhalateef sababaan dhaabbatoota siyaasaa adda maqaa dhahaman miti jedhanii rakkoon numa gidduu jira jechuun akka fakkkeenyaattis barattoonni Oromoo Digrii adda addaan eebbifamanii hojii dhabuun rakkataa jiran kuma hedduu ta'uu xuquudhaan , yoo hojii argatan illee waardiyyummaa ta'u ibsanii turan.

Obbo Faqaaduun waa'ee kanaa gaafatamanii kunis kan gumaache qabaatu iyyuu bulchiinsa gaarii dhaba waliin wal qabata jedhu.

Mata dureelee adda addaa irrati deebii kennaan gaaffii fi deebii kutaa lamaan dhiyeessinu irraa caqasaa.

Gaafii fi deebii Obbo Fiqaaduu Tasammaa wajjin godhame: Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:07 0:00
Xurree marsariitii
Gaafii fi deebii Obbo Fiqaaduu Tasammaa wajjin godhame: Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:55 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG