Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Mootummaan Dinagdee Hoogganuu Qaba, Ka Muummichi-ministaraa Melles jedhan Sirrii Miti"


Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Melles Zeenaawii, "ka gabaa walabaan geggeessamu - sirna dinagdee “NEO-LIBERALISM” jedhamu wajjiin muuxannoon waggoota kurnaniif qabnu badhaadhummaa Afrikaaf fiduu hin dandeenye," jechuun baninsa walga'ii Ministaroota Maallaqaa Afrikaa, ka guyyaa lamaaf Finfinneetti geggeessame irratti ka dubbatan, Hayyuun dianagdee fi hojjetaa Baankii Addunyaa durii - Obbo Bulchaa Dammaqsaa ni mormu.

"Muumichi Ministaraa Melles jechuma 'Neo-colonialism' jedhamu sana akka beekan himuuf yoo tahe malee, hiikkaan isaa dinagdeen Mootummaanis namootaanis ka dhuunfatamu otuu hin taane gidduu-galeessa tahuu qaba, ka jedhu. Kun immoo Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa dha. Mootummoonni Itiyoophiyaa duraa booda dinagdee biyyattii dhuunfatanii turan, jijjiirama tokko illee hin fidne" - jedhu, Obbo Bulchaa Dammaqsaa. .

Mootummaamn dinagdee hoogganuu ka barbaade, firoonni isaa fi kanneen isa deggeran maqaa mootummaatiin akka matta'aa nyaatanii duuroman taasisuuf malee akka isaan dinagdee biyyattii hin guddisne innis ni beekaa nutis ni beekna, jedhu Obbo Bulchaan. "Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa dinagdee Afrikaa haa hoogganan jennee, waggoota soddoma eegne, jijjiiramni argame hin jiru. Ammaa booda callisnee eeguu hin dandeenyu. Mootummaan qooda hoogganummaa dinagdee fudhachuu qaba" jechuun kan Obbo Melles dubbatanis ni morman, hayyuun dinagee, Obbo Bulchaa Dammaqsaa. Mootummoonni Itiyoophiyaa, wal-duraa duuba dhufan biyyattii nyaatanii of-duuromsan malee abboota-qabeenyaa dhuunfaaf carraa hin kennine. Dhaabbatoota dinagdee guguddaa Itiyoophiyaa keessaa amma illee ka dhuunfatee jiru Mootummaa dha. Kun tahuu hin qabu. Biyya Sooviyeet duriifuu hin taane. Biyyi tokko dinagdeen guddachuuf namootni dhuunfaa carraa dinagdee geggeessuu argachuu qaban," jedhan.

Walga'ii Ministaroota Maallaqaa Afrikaa sana irratti prezidaantiin Baankii Misoomaa Afrikaa Doonald Kaaberukaa "imaammatoonni baafaman hawwii murnawwan uummata biyyaa maraa guutuu isaa Ministaroonni Afrikaa mirkaneeffachuu qaban, kun tahuu dhaa baannaan haala biyyoota Afrikaa gama Kaabaa keessatti uumame irraa daafoo inni fiduu danda'u arguun ni danda'ama" jechuun ka dubbatan, Obbo Bulchaan ni deggeru. "Itiyoophiyaa keessa kanneen Mootummaatti maxxananii hojjetan, namoonni duureyyiin mannneen keessa jiraatanii fi konkolaatota oofan ilaallee gama biraan immoo namoota waan nyaatan dhabanii karaa irratti du'an, kanneen halkanii fi guyyaa kadhatan, kanneen kadhachuuf illee sagaleen isaanii dadhabe argina. Kun akkanatti yoo itti fufe, uummtni finciluun waan oolu miti." jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG