Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Gidduu Seenee Gatii Cabsuun Sirrii Miti


Mootummaan Itiyoophiyaa gatii gurgurtaa biyyatti keessaa hanga tokko gad cabsuu isaa beeksisee jira.

Sirni gabaa Itiyoophiyaa keessaa Walaba jedhamee eega labsamee yeroo dheeraa ta’eer kan jedhan hayyuun dinagdee Obbo Bulchaa Dammaqsaa, mootummaan giddu seenee gatii ture gad cabsuun dogoggora jedhan.

Rakkoo guddaan gabaa Itiyoophiyaa mudate dhiyessii omishaa jiruu fi fedhii uummatni waa bitachuuf qabu wal madaaluu dhaba isaati kan jedhan Obbo Bulchaan, qabeenyi biyyattii dhunfannaa namoota muraasaa harka ituu jiruu gabaa walabaa gaggeesuun hin danda’amu jedhu.

Mootummaan maqaa dhaabbatoota dhunfaa fi ofii isaan hojii daldalaa fi dinagdee harkatti galfatee waan jiruuf, rakkoon jiru salphaatti kan furamuu miti jedhu obbo Bulchaan.

Mootummaan ofii isaatii hojii qonnaa bifa ammayaan bal’inaan yoo gaggeesse qofa furmaanni dhufuu danda’a kan jedhan obbo Bulchaan, investeronni biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti hojii qonnaa gurguddaa kan gaggeesaa jiran ta’us, oomiisha argatan gara biyya ofiitti ergu waan ta’eef, gabaa ykn uummata Itiyoophiyaa keessaa waan gargaaru hin qabu jedhu.

Gaaffii fi Deebii guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG