Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoopiyaa Jaarmayoota Gargaarsaa Seeraan Ala Sosso'an Ittiin Jedhe Uggure.


Itiyoopiyaa keessatti dhaabbatoota dhuunfaa gargaarsa arjooman, akeeka hundeeffamaniif ala utuu sosso'anii argaman ittiin jedhe haga tokko cufuu isaa mootummaan Itiyoopiyaa beeksise. Jarmayaa mirga namaaf falmu tokkoos maallaqni inni qabu ugguramuun beekamee jira.

Ministeera haqaa Itiyoopiyaa jalatti dhaabbati ykn ejensiiin waldootaa fi jaamayoota gargaarsaa akka jedhetti Jarmayoota akeeka dhaabataniif irraa jal’atan haga tokko barsiisee bakkatti kan deebise ta'uu beeksise. Akeekkachiisi kanneen itti kenname jiraachuus angawaan Ejensichaa Obbo Asaffaa Tasfaayee dubbataniiru.

Hoogganaan adeemsa hojii odeeffannoo dhaabbata kanaa jaarmiyoonni cufaman VOA dhaaf ibsaniiru. Kanneen keessaas dhaabbattoota ijoollee guddifachaan guddisan haga tokko cufee jira. Jamiyoota biyyootii alaa lama irrattis tarkaanfiin fudhatameera. Direkterri Jarmayoota dhuunfaa "samaritan" fi "Mobility without barieer" jedhamanii bu’aa ofiif utuu socho'anii waan argamaniif jecha hojii irraa ugguramanii jiru. Kanneen biron tarkaanfiin irratti fudhatamesakka jiran ibsameera.

Gareen mirga namaa Itiyoopiyaa kan duraan ISAMAGU kunis tarkaanfii kana mormuu dhaan iyyata galfatee jira. Waldaa dubartoota ogeessota Itiyoopiyaa irratti tarkaanfii fudhatame garuu ragaa ga'aa waan hin qabaanneef obba Asaffaaan ibsa kennuu irraa of qusantaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG