Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Masrii Gaaffii Uummataa Simachuu Qaba


Masrii keessatti hirirrii mormii mootummaa irratti gaggeeffamuu guddaan gaggeefamaa yeroo jiru kanatti dhaabbata Nukleeraaa kan Tokkummaa mootummotaa hogganaa kan turan

Mohammad ELBaradei
Mohammad ELBaradei

Mohammed Elbaradei masiriitti deebi’uun mormii kanneen dhagesisan cina dhaabachuuf kan jiran ta’u beeksisan.

Gama kaaniin Ministriin haajaa alaa kan Britain Wiliyaam Heeg, jijjiramni akka dhufuuf gaaffii dhiyaatu mootummaan Masrii simachuu qaba jedhan.

Wiliyaam Heeg
Wiliyaam Heeg

Gaaffii jijjiramaa seeraan dhiyaateef deeebii kennuun haala amma mul’ataa jiru keessatti akkaan barbaachisaa natti fakkaata jedhu Heeg.

Hiriirtonni guyyootii sadaffaaf hiriiran kun,bittaan Prez Mubaarak kan waggoota 30 lakkofsisee akka xumuramu gaafatan.

Garuu gareen Human Rights Watch hiriira guddaa Jimaatatti kaayiroo keessatti waamame faccisuuf, waraanni biyyatti dhukaasa banuu mala sodaa jedhu qaba.

Komishiina mirga dhala namaa kan Islaamaa isa Landoan jiruuf hogganaa kan ta’an Massoud Shadjareh akka jedhanti, Briteen fi Amerikaan masrii keessatti jijjiramnii akka dhufuuf dhiibuu qabu.

Roobii darbee ministrittiin haajaa alaa Amerikaa Hilaary klinton, prezidaant Mubarak jijjirama barbaadamu hojii irra akka oolchan gaafatan.

Hokkara Tunisiyaa keessatti ka’ee masrii keessatti itti fufe kun, rakkoo dinagdee fi gatiin gurgurtaa hammachuu akkasumas hojii dhabiinsi hammaachuu waliin wal qabatee ka’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG