Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ammatti Filannoo Geggeessuf Fedha Hin Qabu: Geetaachoo Reddaa


Ministrii waajjira dhimmootii kominikeeshinii Itiyoopiyaa, obboo Geetaachoo Reddaa
Ministrii waajjira dhimmootii kominikeeshinii Itiyoopiyaa, obboo Geetaachoo Reddaa

Ministriin waajjira dhimmootii kominikeeshinii Itiyoopiyaa obbo Geetaachoo Reddaa har’a waaree irratti ibsa gaazexeessota biyyootii alaaf kennaniin gaaffii gaazexeessota biraa dhiyaate irratti hundaa’uu dhaan akka deebii kennanitti yoo ta’e labsiin yeroo hatattamaa erga hojii irra oolee as tarkaanfiin humnaa to’annaa jala ooleera. Tasgabbiinis bu’aa jira jedhan.

Warashaaleenis hojii isaanii idilee hojii oomishuu jalqabuu isaanii kan ibsan obbo Geetaachoon labsiin yeroo hatattamaa sun seera eegisisuuf yaadamee kan ba’e furmaata yeroo ti jedhanii,furmaati waarisna qabu furmaata siyaasaa ti. Kana keessaas tarkaanfiin inni tokko guyyaa isaa dubbachuu baatanis hanga torban dhuftuutti jijjiirraan aangoo jiraachuu dubbataniiru. Sunuu ga’aa miti jedhan.

Sun qofti ga’aa miti. dantaa uummataaf dhaabanna kanneen jedhan paartilee polotiikaa dabalachuu danda’a. ykn gareelee hawaasa sivilii dabalachuu danda’a. gareelee dhimmi isaa ilaalalatu waliin illee ni mari’anna jedhan.

Jijjiirama siyaasaa kana fiduuf yeroo hagamii akka barbaachisuu fi yeroo filannoo isa itti aanuuf yeroo waggoota afurii eeguun kan nama irra jiraatu ta’uu kanas haala ariifachiisaa yeroo waliin attamiin wal simsiisuun akka danda’amu gaafii dhiyaateefiif obbo Geetaachoo Reddaa deebii kenneniiru. Mootummaan battala kana filannoo geggeessuu hin fedhu jedhan.

Gabaasa sagaleetif kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG