Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessa Rakkoo Cimaa Tu Jira;  Furmaata Hatattamaa Barbaada,  Jedhu - aangawaan Yunaayitid Isteets Biyyattii Daawwatan


Dhimma Dimookiraasii Mirga Dhala-namaa fi Hojiitiif Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii
Dhimma Dimookiraasii Mirga Dhala-namaa fi Hojiitiif Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii

Dhimma Dimookiraasii Mirga Dhala-namaa fi Hojiitiif Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Toom Maalinoowiskii, gaaffii fi deebii addaa Sagalee Ameerikaa waliin geggeessaaniin, rakkoon cimaan Itiyoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu ka furmaaa hatattamaa barbaadu ta’uu dubbatu.

Itti-aanaan Ministaraa Yunaayitid Isteets – Toom Maalinoowiskii, eega waggaa tokkoo fi walakkaa tii as, gara Fininnee dhufuun isaanii kun marsaa sadaffaa ta’uu isaa yaadatan. Yeroo deddeebi’an kanatti, mariiwwan geggeessan wayyaawaa dhufuu isaanii, daran babal’ataa fi hunda hammataa, daran ifa ta’aa dhufuu isaanii dubbatu.

Danqaalee guguddoo yeroo ammaa Itiyoophiyaa mudatanii jiran ilaalchisee yaada furmaataa mariiwwan kun gumaachuu danda’an agarsiisuuf kana dubbatan – Maalinoowiskiin.

Keessumaa marii isaanii marsaa duraa irrattti aangawoota Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal-falmii geggessan yaadachuun dubbatanii jiran.

Sanaa booda, Bulchiinsota naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti hiriirawwan mormii geggeessaman, badii lubbuu namaa fi qabeenyaa irra gahe illee ni yaadatan.

Faallaa kanaatiin immoo, haalli amma biyyattii keessatti deemaa jiru kan isaan yaaddessu ta’uu hin dhoksine – Maalinoowiskiin. Rakkoon amma Itiyoophiyaa keessa jiru, galii biyyattiin dhaqqabuudhaaf karoorfatte akka hambisuu danda’u yaaddoo qaban huabchiisan. Rakkoon kun biyyattii qofa otuu hgin taane biyyoota ollaa sanaa irratti illee dhiibbaa hamaa akka qabaatu ni beekna, jedhanii jiran – jedha – Melleskaachew Amahaa.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG