Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjirama Argamsisuuf Waadaa Seename Hojii Irra Olchuun Qooda  Mootummaa Itiyoophiyaa Qofa  : Tom Malinowiskii


Faayilii -Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii Tom Malinowski, hooggantoota Itiyoopiyaa fi hojjaatoota Imbaasii Yunaayid isteets
Faayilii -Ministrii Dhimma-alaa Ameerikaatti itti-aanaa ministeerri dhimmoota Dimokraasii, Mirga Namoomaa fi Hojii Tom Malinowski, hooggantoota Itiyoopiyaa fi hojjaatoota Imbaasii Yunaayid isteets

Waggaa tokkoo fi walakkaa keessatti yeroo afuraffaaf gara Itiyoohpiyaatti imaluu isaanii kan dubbatan dhimma Dimokraasii mirga dhala namaa fi hojiitti itti aanaan ministeera haajaa alaa yunaaytiid Isteetes Tom Maliniwiskii bara darbee yeroo jalqabaaf yeroon deeme qiyyaafanni jiru guddina dinagdee irratti akka ta’e aangawoonni naa ibsanii jiru jedhanii, garuuu Itiyoophiyaan qiyyaafata ishee kana gara biyyatti Demokraateessuutti akka jijjiruu qabdu hubachisan.

Qodaa qadaadamaa keessatti wanna danfu tokko irraa qadaaddii bananii akka afuura baafatu hin godhan taanaan dhohuun isaa waan hin oollee ta’u hubachisan.

Eega sanaa as biyyatti keessatti mormii uummataa gaggeeffame maqaa dhahanii seenaa Itiyoophiyaa isa dhiyeenya kanaa keessatti rakkoo siyaaasaa uumamee battalumatti furuun akkaan barbaachisaa ta’u dubbatan. Labsiin yeroo hatattamaa mirga hanga tokko akka dhorku, kun immoo mufannaa uummataa hammeessuu akka danda’uu hubahiisan.

Itiyoophiyaan akkaan kan nu barbaachiiftu waan taateef gargaaruu qabana. Kana malees addunyaaf akka Modeelii ykn fakkeenya demokraasiitti ilaalamti, jedhan.Yeroo akkas jennu, rakkoon amma jiru, mootummaan karoora lafa ka’ate akka fixaan hin baafne danqa yaaddoo jedhu qabna jedhan.

Gabaasa guutuut kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG