Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii,ijjeechaa fi hidhaa godinoota Oromiyaatii fi deebii bulchoota mootummaa


Mormii Irreecha Bishooftuu,Onkololeessa 2,2016
Mormii Irreecha Bishooftuu,Onkololeessa 2,2016
Mormii godinoota Oromiyaa fi deebii mootummaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:08 0:00

Eegii hiriirii mormii Oromiyaatti jalqabee waggaa tokko guutuuf deemuu kanatti naannolee Oromiyaa keessaa rakkoolee hedduutti mumullata; hidhaa,ijjeechaa,hiriiraa,karaa cufiitii,waajjiraalee mootummaa gubuu fi waa hedduutti mumullata.

Godiina addaa oromiyaa kan naannawaa Finfinnee kan taate GAFARSA GUJEE SARITTI keessatti dargageessi umriin 15 har’a ajjefameera.Godiina Shawaa Lixaa aanaa DAANNOO keessatti miseensoonni OPDO uummata keessa seenanii gocha badii rawwachaa jiran jedhama

Godina wallaggaa dhiyaa Magaalaa Gimbii keessatti waraanni mootummaa rakkoo uumes jedhama.

Gama biraatiin jiraattotii godina Gujii magaalaa Bulee Horaa Oromoon Irreecha Bishooftuutti dhumachuutti dallanuun qabeenna mootummaa hedduu barbadeessuu isaani himatan.Tana irratti waraanii mootummaa dubartii fi ilmee isii dabalee nama afur nurraa fixee jedhan.

Bulchiinsii naannoo ammoo jara qabeenna ummataa barbadeesse irratti takrkaanfiin fudhatame jedha.

Godina Booranaatti hidhamtootii mana hidhaa Yaaballoo Irreecha Bishooftuu irratti Oromo hedduun dhumachuutti garaa hammaatanii dheengadda jalqabanii nyaataa lagatan.

Tana irratti poolisiin nama lama mana hidhaatti fixxee 8 madeessite jedhani tana irratti deebii mootummaa eegachuutti jirra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG