Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiira-mormii Arsii Lixaa fi Nagellee Booranaa Keessatti Geggeessame Irratti Namoonni Du’an Jedhama


Faayilii - Mormii naannoo Arsii, Oromiyaa
Faayilii - Mormii naannoo Arsii, Oromiyaa

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti mormiin geggeessamaa jiruu, Arsii Lixaa – Shaashemannee fi Ajjee kessatti, akkasumas, Godinaa Booranaa keessatti tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhataniin namoonni du’uu isaanii dubbatan – jiraattonni dubbataa jiran. Godinaa addaa Oromiyaa, magaalaa Sabbataa keessatti immoo, “hidhamtootatti summii ajjeesu yokaan qaama laamshessu kennuuf, qaamni humnoota mootummaa marii geggeesse” – jechuun, humnoota poolisii marii sana keessa turan keessaa tokko kaleessa nuuf ibsuun ni yaadatama. Har’as, waa’eedhuma marii sanaa fi tarkaanfii itti aanee fudhatame – kan hirmaattota marii sanaa irraa arganne – jedhan – jiraattota magaalattii keessaa nama dubbisne qabna.

Gabaasa sagalee dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG