Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhuminsa Uummataa Ayyaana Irreechaarratti Mul’aterraa Kan Ka’e Mormiin Finfinnee Naannawa Isheetti Geggeessame


Faayilii - Mormii Oromiyaa
Faayilii - Mormii Oromiyaa

Magaalaa Finfinnee, naannoolee akka Jamoo fi Ayyer Xeenaa keessatti akkasumas, Godinaa addaa Oromiyaa, magaalaa Sabbataa, naannoo Addis Sefer jedhamu keessatti mormiin har’a ka’uu isaa tu dubbatama. Jiraatonni, naannawa Ayyer Xeenaa jedhanitti naannawa isaanii fi naannawa Jamoo jedhamu keessatti mormiin geggeessamuu irra taree konkolaatonni dhaabbatootaa fi namoota mootummaatti hidhata qabanii gubamuu isaanii illee dubbatan. Manneen barnootaa fi manneen hojii otuu yeroon hin ga’iin fufamuu isaanii fi hojjetoonni gaa mana isaaniitti deebi’uun illee jiraattonni dubbatanii jiran. Mormiin gidduu kana ka’e kun, ayyaana Irreechaa Dilbata dabree irratti lubbuun hedduun dhumuu wajjiin wal-qabatee ta’uu dubbatu, jiraattonni.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasaatii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG