Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiiwwaan Tibbana Itoopiyaa Keessatti Godhamaa Jiraniratti Waldeeggarsi Oromoo fi Amaara Edduutti Mullate


Hiriira mormii Oromoon Finfinneeti bahe, Hagayya 6, 2016
Hiriira mormii Oromoon Finfinneeti bahe, Hagayya 6, 2016

Mormiiwwan dhiheenya kana Itoophiyaa keessaatti godhaman irratti lakkoofsi namoota lubuun badee gara 100 gahuu, bayyeen madaahuu fi han dhibbaan lakkaawwamaan to’annaa jala olfamuu isaanitu gabaafamaa jira. Jiill Kireeg , Naayroobii irraa roorroo ummaanii qabuu, akkasumas fundurri biyyatti maal ta’inna waan jedhuu laalchisee xinxalaa qopheesitetti.

Mormii Goondor
Mormii Goondor

Mormii nannoo Oromiyaatif Amaaraatti sambatduraa fi dilbata godhaman irratti lakkoofsi namotoa ajjeefamanii dabalaatuma jira.

Dhaabbanni mirga dhala namaatii falmu, Aministii Internaashinaal, lubbuun bade hoo xinnaate 97 jedha. Amnisti Internaashinaalitti qorataa han ta’e Obbo Fissehaa Teklee, “Umannii Oromoo fi Amaaraa mormii yeroo walfakkaatatti geggeessaa jiirataniis roorron isaan qaban garuu adda” jedha.

Awwol Alloo Lendan Iskuul oof Ikonomiikisitti barsiisaadhaf qorataa mirga dhala namaati. Akka inni jedhutti gareen lamaan wal qeeqa fi wal himaachaa turan amma walitti dhufaa jirachuu isaanii dubbata. Gabaasni sagalee kinooti.

XS
SM
MD
LG