Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan lammile biyyattiirratti dhaqqabaa jiru ha dhaabbatu jechaan ogeessonni seeraa Keeniyaatti hiriira mormii gaggeessan


Ajjeechaan Lammile biyyattiirratti dhaqqabaa jiru ha dhaabbatu jechaan ogeessonni seeraa Keeniyaatti hiriira mormii gaggeessan.
Ajjeechaan Lammile biyyattiirratti dhaqqabaa jiru ha dhaabbatu jechaan ogeessonni seeraa Keeniyaatti hiriira mormii gaggeessan.

Ogeeyyiin Seraa fi Qaamoleen mirga dhala namaaaf falman ajjeefamuu Ogeessa seeraa keeniyaa torbeen dura ajjeefame ilaalchisuun hiriira mormii Naayoroobiitti gaggeessan. Hiriira mormii harra tahe kana irratti namooti dhibbaan lakkaawaman irratti ka argamni yoo tahu, mootummaan gochaa ajjeechaa lammilee biyyattii irra gahaa jiru dhaabuu hin dandeenyee jechuun komii qaban himatataniiru. Abukaatoon maqaan isaa Wiilii Kiimaanii jedhamu torbeedhaan dura utuu yakka miseensonni humna poolisii raawwataniiru jedhame hordofuu shofeera taaksii isaa fi maammila isaa fuudhee deemaa turee waliin ajjeefamee dooniyyaan gatamee argame.

Ji’a caamsa darbes daldalaa beekamaan biyyattii Jaakoob Juumaa jedhamu lafa hojii isaatii utuu gara manaa deemuu konkolaataa keessatti hidhattoota hinbeekamneen ajjeefamee ka ture yoo tahu, poolisiin Keeniyaa nama yakka kana raawwate qorataan jira jedhus haga yoonaa garuu namni ajjeechaa kana dugda duuba jiru hin baramne.

Haata’uyyuu malee jaakoob Jumaan utuu hin ajjeefamin dura fuula twitter isaa gubbaatti ‘waa’een na ajjeesuu waajjira Itti aanaa pirezidentii Wiiliyaam Ruuttootti mariyataamuu dhagayeera’jechuun barreessee ture. Dhimma kana ilaalchisuun Televizhiniin biyyattii tokko Wiiliyaam Ruuttoodhaaf gaaffii kana ka kaaseefii ture yoo tahu, ‘Ruuttoon garuu himannaa kana haalaniiru.

Yakki nama ukkaamsaan fuudhanii dhoksuu, akkasumas ajjeesuu shofeerota Taaksii fi Mootorsaaykilii ka rakkisaa jiru tahuu, bakka bu’aan isaanii joon Mushoorii ni dubbata. Joon akka jedhuttii, yakka

nurratti raawwatu yeroo hedduu poolisiif himnus, poolisiin qorannaa dhiisee dubbii shofeerotatti garagalchuun nuyakka. Ammallee shofeerri taaksii ajjeefame kuni silaa qaamota isa tiksuu qabantu, itti gara galee isa galaafate jechuun yaada isaa kenneera.

Ogeessi seeraa ajjeefamee dooniyaan gatame Wiilii Kimeenii abbaa ijoollee lamaa yoo tahu, maatiin isaas hiriira kana irratti argamanii jiru, Waajjirri Wiiliin hojjetuuf International Justice Mission yakka poolisoonni hojjetan dhaabbata hordofu yoo tahu, Keeniyaatti bakka bu’aa dhaabbatichaa ka tahan jeemsi Kiiroogii poolisiin himannaa isarra jiru lammilee yakka hin qabnetti naannessuu haa dhaabu jedhan.

Ajjeechaa Ogeessa seeraa kanaafi namoota lameen kaanii ilaalchisuun poolisiin Keeniyaa miseensota poolisii lama ka to’annoo jela oolche yoo tahu, mana murtiitti isaan dhiyeessuufis beellama torbee lamaa qabatee jira.

Ajjeechaan Lammile biyyattiirratti dhaqqabaa jiru ha dhaabbatu jechaan ogeessonni seeraa Keeniyaatti hiriira mormii gaggeessan.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:26 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG