Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seneterootii USA akka mootummaan isaanii rakkoo Oromiyaa jabeessee qoratee ariitiin Kongireesii Amerikaatiif gabaasu gaafatan


Seneter Al Firanken (Bitaa) fi Seneter Eemii Kilobochaarii (Mirga)
Seneter Al Firanken (Bitaa) fi Seneter Eemii Kilobochaarii (Mirga)

Miseensotii Kongireesii USA lamaan xalayaa ministera haajaa alaa biyya isaanii,Joon Keeriitii barreessaniin jeequmsa ummata nagaa naannoo Oromiyaa irratti oofuutti jiran hammaachaa deemuutti jiru dhaabsisuuf mootummaa isaanii(USA)tarkaanfii fudhatamuu malan dhiyeessu qaba.

Seneterootii godina Minisootaatii(MN)irraa filataman;Seneter Eemii Kilobochaarii fi Seneter Al Firanken hiriirii qonnaan bultootaa fi barattootii naannoo Oromiyaa master pilaanii falmuuf bahan irratti waraanii Itoophiyaa nama 140 oli fixee jedhee gabaasii Human Rights Watch baase waan nama yaaddessaati jedhanii xalayaa barreessan.

‘Oromoota hiriira nagaa bahan fixuun‘waan tahuu hin qamne,’ jedhee gabaasa mootummaa isaanii galateeffatanii ijjeechaa tanaaaf tarkaanfiin jabduun fudhatamu maltee jedha xalayaan isaanii.

Miseensotii Kongireesisi USA kun gabaasa dhaabii mirga ilmaan namaa Human Rights Watch(HRW),Koree Mirga Gaazexeessitotaatii falmtu CPJ,maqeeffatanii waraanii mootummaa Itoophiyaa walti qabee nama hidhuun, hujii gaazexeessummaa rakkisee,lammii Itoophiyaa dubbachuu dhowwuun mirga isaanii gadi qabaa jedhanii yaaddoo isaanii xalayaa irratti barreessan.

Mootummaan Itoophiyaa akka gabaasa xaalyaa seneteroota tanaatti fulaa waraanii isaanii haga guddaan jirutti tajaajila bilbila harkaa(mobile) kutuun akka rakkoon jirtu Oromiyaa irratti hammaattu tolcha jedhan.

Akka gabaasa seneteroota kanaatti Kongireesiin Amerikaa master pilanii Finfinneetii fi tarkaanfiin mootummaa laalee mootummaa Itoophuyaatti ergaa jabdu erge.

Ergaa tana keessatti gargaarsii Itoophiyaan Amerikaa irraa argattu ka qonnaan bultoota lafa irraa buqqisaniin tahu hin qabuu jedha xalayaan miseensoti Kongireesii Amerikaa kun.

Senetrootii Amerikaa mootummaan isaanii karaa kamiin Itoophiyaa keessatti mirgii namaa akka eegamu tohachuutti akka jiru mootummaa isaanii mirkananeeffatuu fi akka mootummaan[USA] isaanii rakkoo Oromiyaan keessa jirtu qoratee ariitiin Kongireesii gabaasu dhiyeessu gaafachuuf minsitera haajaa alaa isaaniitti xaalyaa barreessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG