Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Qellem Wallagga Keessaa fi Bakkawwan Biroo


Mormii barattootaa, Oromiyaa
Mormii barattootaa, Oromiyaa

Godinaa Qellem Wallaggaa, aanaa Gidaamii keessa kanneen jiran, gandeen akka Biqiltuu Abootee fi So’ii Gimbichee keessatti barattoonni har’a hiriira mormii geggeessuu isaanii dubbatu, jiraattonnni fi barattoonni. Jiraataan Gidaamii tokko akka jedhanitti, mormiin kun ka Maaster pilaanii Finfinneetti fuuleffate qofa otuu hin taane, hidhaan, dararaa fi ajjeechaan akka irraa dhaabatu ka gaafatu.

Godinaa ollaa sana jiru, Wallagga Lixaa, magaalaa Gullisoo keessa kanneen jiran, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaatti kanneen baratan har’a hiriira mormii geggeessuu isaanii fi humnoota mootummaan adda-facaasamuu isaanii dubbatu – jiraattonni magaalaa Gullisoo fi barattoonni.

Gama biraan, Godinaa Shawaa Kaabaa, magaalaa Fichee keessatti dorgommiin Atileetiksii Shaampiyoonaa dargaggootaa, kaleessa, gara dhaadannoolee mormii fi iyyaatti jijjiiramuu isaa daawwattoonni achi turan, dubbataa jiran.

Battaluma, humni waraanaa mootummaa federaalaa magaalaa Fichee jiru itti bobba’ee qawwee dhukaasuudhaan adda facaasuu isaa ibsan, namoonni ijaan argan. Har’a immoo, dorgomtoota keessaa haga tokko doorsisuudhaan ka gara dirree dorgommichaatti deebisan ta’e iyyuu daawwattoota dorgommicha ilaaluuf dhufan seensuu dhorkanii deebisuu isaanii dubbatu.

Wallaggaa Bahaa, aanaa Sirbuu Siree, magaalaa Siree keessa kanneen jiran – manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa keessatti barattoonni kaleessa fincila kaasuu isaanii, barattoonnii fi barsiisonni ijaan argan nuuf ibsanii jiran.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:03 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG