Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Waraanaa Ivorii Koost Mindaan Waadaa Galameef Hojiitti Jijjirramuu Diduu Mormuudhan Qilleensa Irraa Dhukaasaa Oolan

Kanneen aariin qaban - loltoonni waraanaa Ivorii Koost, akka mootummaan maallaqa dabalataa kennuuf gaafachuuf qilleensa irraa dhukaasuu waan itti fufaniif jecha, har’a, magaalaaleen biyyattii cufaatti oolan.

Gabaasaan VOA, ka kutaa Afaan Faransaay akka ibsetti, dhukaasaaleen magaalaalee Abijaanii fi Bo’aak keessatti geggeessamaa turan, gara walakkeessaa waree-boodaatti dhaabaatan. Garuu, muddamni sadarkaa ol’aanaa irra jira. Suuqiileen cufamanii jiru. Karaawwan duwwaa dha.

Magaalaa Boaak irraa Raadiyoo sagalee Ameerikaatti ka dubbatan – dubbi-himaan loltoota Ivoorii-Koost, Prezidaantiin biyyattii – Alaasaan Otaaraa, ka duraan – mata-mataa loltootaatti, maallaqa dabalataa doolaara kuma digdama kennuuf waadaa seenanii turan akka guutummaatti baasaniif ka gaafataa jiran tahuu ibsan.

Loltoota sanaaf haga ammaatti horiin baasameef ka waadaa seename sana irraa walakkaa qofa tahuu ka dubbatan – dubbi-himaan loltootaa, “walakkaan hafe baatii-baatiitti qoodamee loltootaaf kennamuu qaba” – jedhu.

XS
SM
MD
LG