Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Moritaaniyaa Wal-danqaa Hamaa Gaambiyaa keessaa Furuuf Carraaqqiitti Jiran


Prezidaantiin Moritaaniyaa Wal-danqaa Hamaa Gaambiyaa keessaa Furuuf Carraaqqiitti Jiran
Prezidaantiin Moritaaniyaa Wal-danqaa Hamaa Gaambiyaa keessaa Furuuf Carraaqqiitti Jiran

Prezidaantiin Moritaaniyaa – Mohammad Uud Abdel Aziiz, gidduu-seensinsa humna waraanaa tii alatti, wal-danqaa hamaa Gaambiyaa keessaa furuuf jecha, carraaqqii sa’atii dhumaa gochaa jiran.

Prezidaant Aziiz – Prezidaantii Gaambiyaa taayitaa gad-lakkisuu qaban, garuu itti cichanii didaa jiran – Yaayyaa Jamee wajjiin kan walga’anii dubbatan yoo tahu, kaleessa gara galgalaa immoo – filatamaa prezidaantii Gaambiyaa - Adaamaa Baaroo wajjiin walga’uuf jecha gara Senegaalitti imalanii turan.

Filatamichi prezidaantummaa Gaambiyaa – Baaroon, har’a magaalaa galma-mootummaa Gaambiyaa – Baanjuul keessatti hirbuu seenanii Prezidaantummaaf muudamu – jedhamee eegama.

Prezidaantichi Moritaaniyaa – eega aangawoota Gaambiyaa lameen waliin dubbatanii booda ibsa kenaaniin, ba’iin haasaa isaanii nageenyaa fiduu irratti abdiin qaban xiqqqaa ta’uu eeran.

Yoo Yaayyaa Jamee taayita gad-lakkisuu didan itti duuluuf jecha – loltootnni gamtaa biyyoota Afrikaa Dhihaa, kan ECOWAS, daangaa Senegaal irratti qophaawanii eegaa jiran.

XS
SM
MD
LG