Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii WQO (OSA): Motummaan Itiyoophiyaa ADWUIn Hoogganamu Gaaffii Uummata Oromoo Deebisuu Hin Dandeenye


Henook Gabbisaa, Prezidaantii WQO (OSA)
Henook Gabbisaa, Prezidaantii WQO (OSA)

Waldaan Qorannoo Oromoo – jechuun OSA-n dhiheenya, Maaster Pilaanii Finfinnee fi mormii Oromiyaa keessaa irratti as Waashington DC-tti marii yokaan Simpoosiyeemii geggeessee ture. Marii kana irratti, beektota gara garaatiin qorannoolee fi xiinxaloota adda addaa tu dhihaate. Prezidaantii Waldaa Qorannoo Oromoo ka bara kanaa – Obbo Henook Gabbisaa akka jedhutti, mariin sun waa’ee kufaatii siyaasaa Itiyoophiyaa keessaa, waa’ee saaminsa lafaa fi ajjeechaa baatiilee lamaan dabre ilmaan Oromoo irratti geggeessamaa jiu xiinxaluutti ka fuuleffate ture.

Qorannoo fi xiinxala dhbimmoota kana irratti hayyootaan geggeessamaa ture uummataaf dhiheessuu kaayyoo godhatee ka marii sana qopheesse – Waldaan Qorannoo Oromoo, qorannoolee dhihaatan sana akka kitaabaatti maxxansiisee baasuuf kan hojjetaa jiru ta’uu illee beeksisee jira.

“Mootummaan Itiyoophiyaa Maaster Pilaaniiin magaalaa Finfinnee haqamee jiru jedhee dubbate iyyuu, saamichi, ajjeechaa fi hidhaan Oromiyaa keessatti akka itti fufee jiru hubatamee jira” – ka jedhan, Obbo Henook, gaaffiin uummata Oromoo yeroo ammaa gaaffii Maaster Pilaanii haquu irra dabree, gaaffii abbaa biyyummaa, ka lafaa fi qabeenyaa akka albuudaa fi qabeenyaa isaa ka biroo irratti abbummaa qabaachuu, gaaffii eenyummaa isaa, aadaa fi afaan isaa guddifachuu, gaaffii afaan sadarkaa biyyaatti akka Afaan Hojii Federaalaatti mirkaneeffachuu fi ka biroo kan of keessaa qabu ta’uu dubbatan.

Waldaan hayyoota Oromoo inni hoogganu – OSAn marii geggeesse irratti “Mootummaan Itiyoophiyaa amma taayitaa irra jiru, waggoota digdamii shan dabraniif gaaffii uummata Oromoo deebisuu hin dandeenye” hubannoo jedhu irra ga’uu isaanii dubbata – Obbo Henook.

Hiriirawwan mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiraniif deebii aangawoonni Mootummaa kennan ilaalchisuun ennaa dubbatus, “Mootummaan EPRDF, ennaa lafa Oromoo saamu, ennaa barattoota fi lammiwwan Oromoo ajjeesuu fi hidhu, kanneen aangoo dhugaa harkaa hin qabne – aangawoota DhDUO yokaan OPDOtti fayyadameef, booda ennaa itti gaafatamni dhufu immoo, ‘ani harka keessaa hin qabu. Badii dhaqqabeef itti gaafatamaan OPDO dha. Isinumti waliin fixadhaa’ jechuudhaan badii isaas isaanumatti haqatee keessaa ba’uuf carraaqaa jira” jechuun qeeqa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:35 0:00
Xurree marsariitii

Gaaffii fi deebii Prezidaantii Waldaa Qorannoo Oromoo – Obbo Henook Gabbisaa waliin geggeessine kutaa tokkoffaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG