Xurree ittiin seenan

Dogoggorri kan Mootummaas Kan Leenjifamtootaatis : Muummicha Ministeera

  • VOA

Namoonni hidhaadhaa gadhiifaman qomoo "Irra hin deebi'amu" jedhamee irratti bareeffame uffatanii mullatan

Namoonni hidhaadhaa gadhiifaman qomoo "Irra hin deebi'amu" jedhamee irratti bareeffame uffatanii mullatan

Sabaa himaa mootummaan akkuma ibsame kan kaleessa gad dhiisaman namoonni 4800 biyyattii keessatti hookkara uumamee tureeen waliin wal qabatee jeeqama kaasan jedhamuun shakkamanii fi waaltaa leenjisaa Xolaayii fi Bir Shalaqoo keessatti kanneen leenjii fudhatan turan.

Keessumaa godinaalee Oromiyaa shan irraa shakkamanii kan qabamanii fi Xoolaayitti leenjii kanneen fudhatanii fi sirna namoonni kuma 4 gad dhiisaman irratti kan argaman muummicha ministeeraa Haayilamaariyaam Dassaaleny turan.

Gaaffii dhiyeessuun mirga kan jedhan muummichi ministeerichaa hookkara, jeequmsaa fi humnaan gaaffii dhiyeessuun garuu gatii nama baasisa jedhan.

Ejennoo kana irra kan isin geessan irra hin deebi’amu, qaruma irra hin deebi’amu kan jedhu. akka naaf galetti xumura kana irra kan geessan heerichi heera sirriitti barreeffame. Heera wareegama hedduun barreeffame.

Heera sabaa fi sab lammootaa fi mirga namoota dhuunfaa kan kabachiisu. Bor ennaa gara mana ofiitti deebitan gaaffii hin qabaattan jechuu miti. gaaffii ni qabaattu. Angawoota mootummaas ta’e mootummaa waliin yaadaan walii galuu dhabuu dandeessu. Kun mirga keessan. Mirga keessan kana immoo eenyu iyyuu isin dhowwachuu hin danda’u jedhan.

Mirga heerri isin gonfachiise waan ta’eef. Kanaaf bor yoo gaaffii qabaattan gaaffii keessan karaa nagaaf hammayyaatiin heera irratti hundooftanii dhiyeeffachuun mirga keessan jedhan.

Rakkoo kana dura uumameef dogoggora kan hojjetan mootummaa fi leenjifamtoota ta’uu muummichi ministeerichaa ibsaniiru.

Dogoggora keessan isin dubbataniittu. Ani kan ani har’a dubbachuu barbaadu dogoggora mootummaa ti. Dogoggorri mootummaa bulchiinsi sadarkaa sadarkaa dhaan jiru ofitti isin butee mari’achuu, sagalee keessan dhaga’uu kana kan ilaaleen hir’ina qabna jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG