Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Mnisteeraa Itiyoophiyaa Muudaman


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Obbo Mallas Zenaawwii, waggoota shanan dhufaniif aangoo irra turuuf, kakatanii aangoo qabatan.

Sirna paarlaamaa biyyattii keessatti gaggeefame kanaan, paarlaamaa haaraan hojiin isaa ifatti kan jalqabe yoo ta’u,
Obbo Mallas addunyaa irratti nama beekamaa fi mirga Afrikaa eegsisuuf heddu kan qabsa’an ta’uun ibsamee jira.

Hojii Obbo Mallas ilaalcha duraa itti kennan, mootummaa isaanii bifa haaraan gurmeessuu ta’a jedhama.

Qooddannaa aangoo sadarkaa olaanaa ilaalchisee, warruumti mootummaa keessa beekan iyyuu, dhuma irratti baru waan ta’eef preesii fi sabaa himaan biyyattii keessaa tilmaama isaanii dubbachuu danda’an xiqqoo dha.

Barcuma paarlaamaa lama irraa kan hafe hunduma isaa iyyuu IHADIG injifachuun ni yaadatama. Paarlaamaa isa durii keessatti garuu barcuma 150 caalaan mormitootaan qabamee kan ture ta’uun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG