Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mi’i Mana Keessaa Isa Hin Hafuu Digee Deebisee Hidha oola : Akkoo


Barataa Naahoom Dammalaashi fi konkolaataa inni hojjate
Barataa Naahoom Dammalaashi fi konkolaataa inni hojjate

Ijoollee Barnoota Itti Fedhii Qaban Irratti Gargaaruun Gaariidha: Abba

Barataa Naahoom Dammalaash Baacaa godina wallaggaa dhiyaa magaalaa Najjoo keessa jiraata. Barataa kutaa kuadha tokkoo yoo ta’u umriin isaa kudha torba.

Yeroo dheeraaf hojii ooguuma harkaa adda addaan kokolaataa hojjachuuf yaalaa eeega turee booda barana itti milkaa’ee jira.Naahomiin ijoollummaa kaasanii kan guddisan akkoon isaa Aaddee Almaaz walda sanbat ijoolluummaa isaa kaasee raadiyoon mana keessaa ituu hin hafiin digee ilaalee deebisee waan hidhuuf dhisii jedheen dadhabe jedhu.

Naahoom Kokolaataa hojjatee jira. Baasii kanaaf isa barbaachisu maatii ofii biraa kan argate yoo ta’u hanga qarshii kuma sagaltamaa baasuu isaanii abbaan isaa Obbo Dammalaash Baacaa dubbatanii jiru.Garu ijoolleen toora irratti bobba;anii hojjachuu fedhan irratti gargaaruun bu’a qabeessa ta’u hubadheen jira jedhan.

Dargaggonni dandeetti qaban maraan irratti hojjachuu qabu jedha Naahoom.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Kana Cuqaasuun Dhaggeefadhaa

Mi’i Mana Keessaa Isa Hin Hafuu Digee Deebisee Hidha oola : Akkoo Ijoollee Barnoota Itti Fedhii Qaban Irratti Gargaaruun Gaariidha: Abba
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:18 0:00

XS
SM
MD
LG