Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Boosat-Walanciti-ttii Ijoollee Gaaddiisa Mukaa Jalatti Barsiisaan Ture


Oromiyaa keessatti hojii misoomaa adda addaa gaggeesuun kan beekaman Obbo Dinquu Dayyaasaa, dhiyeenya kana immo projektoota ka biroo sadii hojii isaa xumuruun eebbisisanii jiru.

Projektiileen haaraan kunis, bakka gabaa, galma keessaa kan suqilee 210 qabu, galma siniimaa keessatti daaw'atan kan bifa ammayyaan ijaaramee lamaa fi bakka bashannanaa akkasumas Hospiitaala siree 250 qabu ta'uun beekamee jira.

Obbo Dinquun ammaan dura, Yunivarsitii kooleejii Riift Vaalii jedhaman iddoo 15tti kan banan yoo ta'u, manneen barnootaa Naaf-Yaad jedhaman kan sadarkaa oolmaa daa'immanii qabee hanga sadarkaa lammaffaa (Priipaaraatorii) barnoota kennan 8 bakka adda addaatti banuun hojii irra oolchanii jiran.

Yunivarsitiwwan kana keessaa baratoota kuma 33 akkasumas manneen barnootaa Naaf-Yaad keessaatti baratoota kuma 15 barsiisaa kan jiran ta'u,Obbo Dinquun ibsanii jiran.

Yeroo ammaa immoo, bakka bashannanaa Soodaree bitanii haaromsuun hojii irra oolchuuf Karoora haaraa kan qaban ta'uu hubachisanii jiru.

Guutuummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG