Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo teessanitti karaa isanii baasanii?Karaa dhabuun ammoo maan isan goote?


Abbaan Taayitaa Daandii Baaddiyaa Ormoiyaa Qarshii Miliyoona hedduutiin godinoota Oromiyaatti karaa baasuutti jiraa.Taatullee hujiin karaa godina tokko tokkootti hagii tokko harkifachaa,haga tokkootti karaan dansaanuu jiraachuu dhabuu,ka hojjatan hammaachuu dabalee waan akka akkaa himata.

Akka Obbo Jaagamaa Qananii Itti aanaa Ittti Gaafatamaa,Abbaa Taayitaa Daandii Baaddiyaa Oromiyaatti,hujiin mootummaa naannoo Oromiyaa karaa baasee naannolee waliin gahuu tanaaf naannolee karaa baasanii misoomatti geessan.

Rakkoon karaa guddoon balaa makiinaati.Shifeerotii makiinaa haga malee oofuu,caatii nyaachaa,bilbilaan dubbachaa oofuu,halkanii fi guyyaa walti oofaa dadhabbiin oofuun waan balaa makiinaa fidaa keessaa tokko.

Karaa Oromiyaa keessa bahu Oromiyumatti tohata.Abbaan Taayitdaa Daandii Baaddiyaa Oromiyaa akka milikeetii karaa makiinaa irraa hin banne, hin buqqifamnee fi akka ummatilleen tana jabeeffatee nama balaa irraa oolchu tolchuun hujii isaati.Milikeeta karaa asfaaltii akka Abbaan Taayitaa Daandii Baaddiyaa Itoophiyaa tohatu ammoo gabaasa gadhaaf.

Woma taheefuu akka jecha obbo Jaagamaatti akka godinii Oromiyaa karaa barbaade argatu tolchuuf,karaa hojjachuutti jiran akka isaan dafanii dhumatan tolchuu fi karoorumaan hojjatamana tolchuun hujii teennaa obsaan nuu eegaa jedha.

Hayyee mee isan ammoo waan karaan dhabuun isan gootee,karaa nuu baasaa jettanii eegachuutti jirtan ykn eegattanii dhabdanii,waan balaan makiinaa naannoo teessanii jiru, shifeeriin seera malee oofee balaa fiduu,nama wal irratti fahanii makiinaa oofuu fi rakkoolee karaa nutti himaa.

Achumaan ammoo waan Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Daandii Baaddiyaa Oromiyaa obboo Jaagamaan waan hujii karaa Oromiyaa nutti himellee MP3 tana irraa nuu caqasaa nuu barreessaa.

XS
SM
MD
LG