Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromootii Keeniyaa Dhufan Amerikaa Washington DC-tti Aadaa Agrsiisaa Seenaa Barsiisuutti Jiran


Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ta ummata Keenyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise
Dhaabii qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa kun barana aadaa Oromoo,ta ummata Keenyaatii fi ta Chaayinaa agarsiise
Boorana Keenyaa dhufetti dirree National Mall Washington DC jirtutti sribaa faaruun akkana aadaa bariisa.
Boorana Keenyaa dhufetti dirree National Mall Washington DC jirtutti sribaa faaruun akkana aadaa bariisa.

Natinal Mall,dirreen balloon teessoo mootummaa Amerikaa Washington DC jirtu yoo amma bahanii laalan dotii oowwituu fi qilleensoftu qofaa miti lafa waan hedduu itti daawwatan.

Biyya akka akkaatti bahee aadaa ufii itti agarsiifachuutti jira. Dhaaba qorannoo fi muuziyeemii Amerikaa addunyaatti beekkamu, 'Smithsonian Institution’ baruma baraan aadaa,seenaa fi faaya biyya gara garaa adduyaan wal barsiisutti aadaa biyya heddduullee akkana agarsiisuutti jira.

Qophii baranaa ta “Smithsonian folktale life” jedhan irralleetti aadaa biyya hedduu sirbaan,dhugaatii,wayaan,faaruu fi waan hedduun agarsiisan.Jireennii biyya sunii maan akka fakkaatullee hinuma agarsiisan.

Qophii baranaa tana Waxabajjii 25 jalqabanii teessoo mootummaa Amerikaa Washington DC fulaa ‘National Mall’ jedhanitti agarsiisuutti jiran.

Aadaa barana agarsiisuutti jiran keessaa tokkoo aadaa Boorana Keenyaati. Mana jaaranii,lafa aadaa fi faaya ufii agarsiifatan qopheessaniifii itti jiran.Nama dhufee hin beennee gabayuma fakkaatti.

Qophii aadaa Oromoo Keenyaa tana ministirera aadaa fi ispoortii Keenyaa aabba Hassan Waariyoo faatti qopheessee dhufeen.Warra hujii tanaa dhufe keessaa tokko gaazexeessitu KBC,(Kenya Broadcasting Corporation) Qabballee Jirmaa, artisti Kadir Kottoolaa fi nama hedduu.

Keenyaa keessaa Kadir Kottoolaa waliin sirbituu 45 dhufe.Walumattu jarii dhufe kun aadaa,faaya,sirba,mana,wayaa fi waan Oromoon beekan hedduu agarsiisee afaanillee barsiisa.

Keenyaan ganna 48 keessati qophii aadaa tana akkanaa tanaan Amerikaa hin dhufne. Qophii baranaa haga guddaan ta Oromoo-Booranaa waliin ta ummata Keeniyaatii fi ka Chaayinaa agarsiisan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:14 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG