Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtiin Keeniyaa Barattoonni Oromoo Seeraan Ala Biyyatti Seenan Akka Itiyoophiyaatti Deebi’an Murteesse


Baqattoota Oromoo, Kakumaa Keenya
Baqattoota Oromoo, Kakumaa Keenya

Barattoonni Oromoo fi lammilee Itiyoophiyaa kaan daangaa Keeniyaa seeraan ala seentan jedhamanii qabaman 28 ol ta’ani Marsaabititti dhadhacha mana murtiin akka Itiyoophiyaatti deebi’an murtaa’e. Baqattoonni kuni torbee lamaan dura, Kaaba keeniyaa Kutaa bulchiinsa Maarsabiititti qabamanii ka turan yoo ta’u, himannaa himatamaniinis murteen akka Itiyoophiyaatti deebi’an jedhu irratti darbeera.

Dhimmi isaanii kunis gadi fageenyaan akka ilaalamuuf dhaabbanni Baqataa tokkummaa mootummootaa UNHCR dameen Keeniyaa abukaatoo ergee ka turee fi mirga baqattoota kanaa eegsisuuf yaaleeraa jedha. Duuk Mwaanchaa dubbi himaan dhaabbatichaa damee Keeniyaa waraabbii sagaleen ala raadiyoonii VOA f akka himettii, ‘dhaabbanni UNHCR mirga baqattoota kanaa eegsisuuf abukaatoo ergus, baqattoonni kuni garuu kooluu kan barbaadan waan hin taaneef dhimma kana gidduu seenuu kana caalaa hin dandeenyee’ jechuun dubbatani. Mr. Mwanchan dabaluunis, baqattoota kanneen kana keessaa garuu namni tokko koolu galtummaa waan gaafateef inni mirgi baqattummaa isaa akka eegamuuf gaaafannee dhiyootti gara Nairoobiitti akka darbu goonaa jedhan.

Haala murtii baqattoota kana irratti darbees mootummaa Keeniyaatti, waajjira dhimma Baqataa DRA’n, dhimmi baqattoota kana ofirra deebisuu dhugaa ta’uu nuuf himanii jirani. Akka odeeffannoo waajjirichaattis galmee baqattootaa dura kan gaggeessu Kutaa bulchiinsaa ykn County baqattoonni suni keessatti qabamaniidha. Murtee mana murtiitiitiin booda waajjirri kuni baqattoota ofitti ka fudhatu yoo ta’u, sanaan ala seenee yaada kennuu fi tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatama hin qabu jechuun ibseera.

Haa ta’uyyuu malee baqattoota eegumsa addaa barbaadanii akkamitti sadarkaa Kutaa bulchiinsaatti (County)tti mirga isaanii eegsisuun dandaa’amaa? Baqattoonni kuni rakkoo nageenyaaf hin saaxilamanii gaaffii jedhuuf, waajjirichi, ‘amma humnoota poolisii naannoo daangaa biyyattiirra jiraniif leenjii akka itti baqattoota simatan kennuuf qophiirra jirraa deebii’ jedhu nuuf kenne.

Haalli baqattoota murteen itti darbee kuni amma waanti beekame jiraatuu baatus, garuu waajjirri dhimma Baqataa Keeniyaa akka isaan hatattamaan hiikamanii gara biyya isaaniitti deebi’aniif waan dandeenye hin yaallaa jechuun dabalataan dubbateera.

Dhimma kana kan murteesse mana murtee Kutaa bulchiinsa Maarsabiit yoo ta’u haala baqattoota kanaa gadi fageenyaan isaan irraa baruuf yaaliin nuti yeroo dheeraaf goone hin milkoofne.

Ji’a muddee keessas keeniyaan lammilee Itiyoophiyaa gara 25 ol kan naannoo Moyyaaleetti fi Meeruutti qabaman waajjira Immigreeshinii Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti kennuu ishee gabaasuun keenya ni yaadatama.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG