Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perz.Obaaman Keenyaa jira,Dilbata Itoophiyaatti dabra.Imaltuun tun gama dinagdeetiin naannoo tana hagam gargaarti seetan?


Kenya Obama
Kenya Obama

Keenyaan perzdaantoi Obamaan simachuuf waan hambifattee hin qabdu fakkaatti.Karaa Naayrobii dhiqanii,qulqulleessanii lafallee haranii eeguutit jiran.

Perezdaanti Obaamaan kora guddaa,General Entrepreneur Summit(GES) dureeyyotii addunyaa doolara biliyona hedduu qabachuun beekaman itti dhufan irralleetti dubbachuuf deema.

Obama Africa
Obama Africa

​Keenyaan lafa abbaan Obaamaan itti dhalatee itti awwaalamellee. Abbaan isaa mootummaa perezdaanti Keenyaa ka qaraa keessa hojjate.Obaamaan gaafa bara 2006 keessaa Senetera Amerikaa tahee dhufee Keenyaa dhufee amma ammoo akka perezdaanti dhufe.

William Ruutoo itti aanaa perezidaantii Keenyaati.

"Pperzdaanti Obaamaan akkuma perezidaantota Amerikaa ta dhbiitiimiti.Sanyi isaa keessa Afrikaatti jiraa,sun keessaa ammoo sanyii keenyaa jira.”

Kenya Obama
Kenya Obama

Haga guddaan investimenti fi waan nagaa mari’atan.Akka jecha minsitera haajaa alaa Keenyaa Amina Mohameditti wannii guddoon;

"Akkii nu waan nagaa irratti waliin hojjannu seenaa-qabeessa.Durumaaanuu akkanuma mari’anna,taatullee ganna diqqaa asitti jabeeffachaa yaane.Nuu fi addunyaallee hin yaaddessa doorsisii kun.”

Dinagdee fi imaltuu perzdaanti Obaamaa

Akka minseensii manamarii keenyaa ka durii Mohaammad Galgaloo jedhutti Keenyaan dhufataii perzdaanti Obaamaatiin gargaarsa hedduu argachuu, investimentii fi turiizimiin isii jabaachuu fi waan hedduun gargaarsa argatti.

Obaamaan Keenyaatti imaltuu dhaquun faaydaa dhibii qabdi.Akkuma beennuu Chaayinan biyyoota Afrikaatti baafattee dinagdeen Afrikaa fudachuutit jriti.Akka perezdaanti Obaamaan BBC irrati dubbatetti Chaayinaan horii Afrikaatti jissitee qabeenna Afrikaa guurrahuutit jirti.

USA ammoo akka Afirkaan waan faaydaa qabaa argattu tolchu.Perezdaanti Obamaan yoo kora GES irratti dubbatu bulchoota biyya hedduuttiin wal arge akka dhaabbilee Amerikaa Afrikaa dhufani hujii hojjachuu dandahan karaa hedduu miyyeessaaf.

Uhuru Kenyaataa gaafa filate gara biyya Dhiyaa ilaaluu mannaa gara biyya Bahaa, Chaaynaa fi Raashiyaa hariyummaa jabeeffannaa jedhe.

Akkuma filameen Raahsiuyaa fi Chaayina dhaqaaa jedhe.Sun hin taanee isaa gaafa filannoo biyya isaa ummata wal ficciiis jedhanii himatan.

Milishotii AL-Shabaab Keenyaa nama hedduu fixuutti dabaran.Jireennii Keenyaatu itti jabaate.USA,Keenyaan nagaa tahuu baannaan Ameriaka investimentii hojjachuu fi bashannanaaf yaahuun dhiba taati.

Wanni Keenyaatti tahe Amerikaalle hin hanqattu jettee milishota Islaamummaa biyya nagaa dhowwan achumatti ufi dhowwuuf itti duulte,Amerikaan.

Woma taatefuu USA Afrikaa harkaa dhabu hin feetu.Perzdaanti Obaamaalleen tanumaaf miilota isaa dhibbaa hedudu waliin achi dhaqe.Perezdaanti Obaamaan amma Keenyaa gahe.Perzdaanti Obaamaa jalaa fi gubbaalleen eeguuti jiran.

Doonii waranaa USA gara Mombaasaatiin lafa eega.Jeetiin waranaanaa gama gamaan qilleensa gubbaa eegdi.Hojjattootii nagaa Amerikaa Obaamaan dura dhufanilleen nagaa eeguutit jiran.

Akka itti gaafatamaan poolisii Naayroobii Benson Kibue jedhetti Naayroobii poolisii 12,000 eeguutit jira.Woma taateefuu perzedaanti Obaamaan Sanbata guddaa Itoophiyaatti dabra.

Achilleetti muummee minsitera Itoophiyaa obboo Hayilee Mariyam Dessaalenyii bulchoota bulchoota Waldaa Afriakaa waliin haajaa dhufueef dubbatee Kibxata USA deebihuuf achi kaha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG