Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Nageellee Booranaa fi olloota baaddiyaa isii keessatti nama 200 caalutti hidhame jedha warri achii dubbifne


Faayilii - Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa
Faayilii - Hiriira Mormii Gujii, Oromiyaa

Godina Gujii keessaa akka warrii dhiyoo tana dudubbisuutti jirru jedhutti nama hedduu hidhuutti jiran. Nama hidhan waranaa durii naanno sun hin jirre ka afaan Oromoollee hin dubbannetti halkan mana namaa soqee,diishii TV bubuqqisaa lafatti baafatee nama hidhuutti jira.

Guyyaa torbaan tokko hin geenne keessatti akka jiraattotii magaala Nageellee Booranaa aanaa Liiban jedhanitti olloota akka Dhakaa Qallaa, Buruurii,Hadheessa,Laga Buulaa fi fulaa hedduu keessaa jaarsa,jaartii, barataa, hojjatamaa mootummaa fi nama hedduu hidhuutti jiran.

Nama hidhan kana yoo maatin sagalee fideefillee nama irraa fuudhuu malee namaan wal hin agarsiisan jedhu.Guyyaa jaha keessatti nama 210 tahu hidhame jedha warrii lafaa.

Waraanii mootummaa ka Nageellee fi naannoo sunitti baafate mana namaa halkaniin soquu,akka namii gobbatee waliin hin yaane,mariif hin teenne dhowwuu fi nama doorsisuutti jira jedhu.

Akka itti gaafatamtoota biiroo nagaa godina Gujii keessaa obboo Adoolaa Mi’eessoo jedhutti ammo namii seera malee hidhame hin jiruu kashalabboota qofatti hidhamee dubbii isaaniillee seeraan laaluutti jiran. Jarii hidhame akka jecha obboo Adoolatti warra humnaan seera mootummaa diiguu fedhu qofa.

Gabaasa sagalee dhaggeeffachuuf kana tuqaa

XS
SM
MD
LG