Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Carraa Diivii Argate marti Vizaa Hin Argatu


Yunaaytiid Isteets waggaa waggaan namoota kuma shantama carraa DiiVii n kan fudhattu ta’uun beekamaa dha. Itiyoophiyaanis carraa namoota 3500 akka qabdu kan ibsan Embaasii Amerikaa Finfinnee jirutti itti gaafatamaa kutaa Viizaa Kan ta’an Skaat Reedman kanneen carraa kana argatan martinuu carraa Viizaa argatu jechuu miti jedhan.

Diivii iyyachuu qabee hamma fudhatamanii interviwuu vizaaf dhiyaataniitti yeroo waggaa lamaa fudhata kan jedhan Reedman,Yeroo baayyee namoonni Diivii guutan akka nam-tokkeetti ykn Abbaa manaa fi haadha manaa ijoollee hin qabne ta’anii eega galma’anii booda waggaa lama keessatti fudhuu ykn ijoollee biraa

waan dabalataniif jecha vizaan silaa nama tokkoof kennamu, maatiif waan kennamuuf yeroo itti warri carraan kun isaan ga’ee Vizaa itti dhaban jiraachuu mala jedhan.

Gatiin Vizaaf kennamu kan duraan Dolaara 800 ol ture amma gara doolaara 440 tti gad cabuunis ibsamee jira.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG