Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Gaanaa Haaraan Kakatanii Aangoo Qabatan


Prezidaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo sirna kakuu yeroo geggeessan, Amajjii 7, 2017.
Prezidaantiin Gaanaa Nana Akufo-Addo sirna kakuu yeroo geggeessan, Amajjii 7, 2017.

Nana Akukfo-Addo Sanbata darbe ture bakka gitoonni isaanii prezidaantonni ardittii keessummoonni kabajaa fi lammiiwwan Gaanaa kumaan laka’aman argaman waltajjii black Star jedhamutti hojii jalqabuuf hirbuu kan seenan.

Sirni hirbuu seenuu sun bifa huccuu aadaa Kente uummata huccuu beekamaa kan Ghana gama kibbaa fi kan Gugu gama kaabaa uffachuun irratti argamaniin sirna hedduu miidhagaa dhaan kabajame.

Prezidaanticha haaraan biyya dinagdee dadhabaa, liqaan irra heddummaate, sharafi maallaqaa kufaa ta’e, gatiin meeshaalee gad cabaa ta’e hoogganuuf jiran garuu hojii cimaatu isaan eeggata.

Deggartoota Nana Akufo-Addo sirna kakuu irratti argaman keessaa amma tokko, Amajjii 7, 2017.
Deggartoota Nana Akufo-Addo sirna kakuu irratti argaman keessaa amma tokko, Amajjii 7, 2017.

Prezidaant Akufo-Addo badhaadhummaan lammiiwwan Gaanaa hundaaf akka ta’u sirna eebba isaanii irratti haasaa dhageesisaniin hirbuu seenaniiru.

Dargaggoonni lammiiwwan Gaanaa hangi tokko mootummaa Akufo-Addo irraa hedduu eegna jedhu.

Gama biraan soshaal miidiyaa irratti prezidaant Akufo Addo haasaa prezidaantii Ameerikaa duraanii kan George W. Bush guyyaa sirna eebba isaanii dubbatanitti fayyadaman qeeqi jedhu irratti dhiyaatee jira. Direktora quunnamtii dhimma presidentummaa illee dhiifama gaafachuun ibsa baasanii jiran.

Gabaasni sagalee kinooti

XS
SM
MD
LG