Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii Mirga Dhala Namaa: 'Itoophiyaan heera biyyatii, akkasumaas waliigalteewwan akka addunyaatti mallatteesite cabsaa jirti'


Laaftoo bakka manoonni diggamanii fi miha namoota manni jalaa diiggamee, Finfinnee
Laaftoo bakka manoonni diggamanii fi miha namoota manni jalaa diiggamee, Finfinnee

Qarqaara magaala Finfinnee nannoowwan akka Laaftoo fi Qarsaa kontoomaattii mana ijaaranii jiraachaa namoonni turan, seeran alla ijaaran jechuudhan bulchiinsi magaala Finfinnee diiguu jalqabeera. Kana laalchiisudhan Gummin Mirga Dhala Namaa han Itoophiyaa keessaa ibsa atattamaa baase irratti namoota karaa adda addatiin lafa argatanii mana ijaarratanii maatii ofii jiraachisan, lammii ofii, qeheerraa buqistee kara irratti baasuudhan Itoophiyyaan heera biyyatiitif waliigaltee adda addaa akka adduunyaatti fudhatee mallateesitee hunda cabsite jedha.

Obboo Bitsi’aatee Tarrafaa, Daayrektarii dhaaba kanaati. “Ibsa atattamaa baasuun han barbaachise qorannoo gochaa jiru fixnee odoo hin ta’iin hammiina haala lammiwwan buqa’anii keessa jiranii laalleeti” jedhee, keessumaatuu moosina gannaa, oggaa roobniif qorri jiru kana keessaa namoonni alatti baafamuun isaanii waan yaaddessaa ta’uu dubbata.

Namoota manni jalaa diggamee keessaa takka – hadhaa ijoollee afurii fi abban warraa han dhukkuba Eechayiviitin jala du’e - aaddee Tigist jedhamti. Haalaa itti manni ihsii diggamee fi jireenya amma keessa jirutu oggaa ibsitu, “manan wayaa namaa miiccee, biddeen tolchee ijarradhe, odoon mihuma kiyyallee hin baafatin na jalaa diigan’ jechtee, ergasii as hurufa taa’anii jiranitti poolisiin isaan marsee jirachuu fi waan nyaatanis ta’ee dhugan dhabanii ijooleen ishii itti bohaa jirachuu isaanii ibsiti.

Wajjira Kantiibaa bulchiinsa magaala Finfinneetti, Kaabinee ittii gaafatamaa han ta’e Obboo Asaggid Getaachoo kana dura mootummaan namoota rakkina akkanaa keessa jiran karaa irratti gatee hin callisu jedhanii turan. Namoonni rakkina dhugaa qabatanii mana dhabanii mana akkanaa ijarratan hoo jiraatan ammas, maatii isaanii wajjin akka rakkoo hamaatan isaan hin quunnamne , mootumman iddoo qopheessee achiitti isaan galchaa jedhan.

Dhumarrattis, Ibsi Gumii mirga dhala namaatiin bahe mootummaan lubbuu bade namoota itti gafataman seeratti dhiheesuu fi hirpha baasuu qaba; Kana malees, namoota seeran ala lafa fudhatanii mana ijaarratan jedhaman odoo mana irratti hin diigiin akkatan manni jireenya bakka biraatti qophaahuf mijachuu qaba jechuudhan bulchiinsi finfinneetis ta’ee dhabaatoonni gargaarsaa waan danda’aniin akka namoota karaatti bahan kanaa birmataniif wamichaa dhiheessa.

Gumii Mirga Dhala Nama: 'Itoophiyaan heera biyyatii, akkasumaas waliigalteewwan akka addunyaatti mallatteesite cabsaa jirti'
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG