Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Dargaggoota Hoogganoota Afrikaa irraa Dhufaniif Waayit Haawusitti Waga'ii Qopheessan


Prez.Obaamaaan dargoggota Afrikaa Simatan.
Prez.Obaamaaan dargoggota Afrikaa Simatan.

Prezidaant Obaamaan, kaleessa, galma gama Bahaa ka Waayit Haawus keessatti walga’ii otuu hin eegamiin qophaa’e irratti sa’aa tokkoof, dargoggota dhaabbatoota hawaasaa biyyoota Afrikaa i irraa dhufan waliin mari’atan. Afrikaadhaan “ardii dargaggeettii” ka jedhan, Prezidaant Obaamaan irra-jireessi uummata Afrikaa, kan umuriin soddomaa gadii tahuu isaa fi Mootummaan isaanii keessumaa dargaggoota kana dhaqqabuuf fedhii qabaachuu isaa dubbatan.

"Hojiin isin hojjettan namoota dullooman akka kiyyaatti dubbachuu yoo tahe, namoota madda humnaa tahan, kanneen hamlee fi yaada haarawa qaban dhaqqabuu hin dandeenye. Kanaaf jecha hoogganoota ka dhaloota egerii yoo walitti-waamne waan gaarii dha," jennee yaadne.

Dargaggoonni hoogganoota egerenii kun, dimookiraasii, mootummaa ifa-galaa fi preesii walaba ijaaruuf akka dhaabatan ka jajjabeessan, Prezidaant Obaamaan. “Dhiironni Afrikaa ijaarsa dimookiraasii keessatti sagalee dubartootaaf iddoo guddaa kennuu qabna, jedhan. Akka jecha isaaniitti, dhaabbatni tokko dimookiraasii ijaaruu raajee, garuu dhaaba isaa keessatti dubartiin sagalee qixxee hin qabdu tahe, raajiin isaa ka kijibaa ti.

Prezidaant Obaamaan marii dargaggoota hoogganoota Afrikaa hegerenii waliin geggeessan sana irratti waa’ee biyyoota Afrikaa kaan mara caalaa haala rakkisaa keessa jiranii -- waa’ee Zimbaabuwee fi Somaaliyaa illee dubbatanii jiran. .

“Youth Initiative for Democracy in Zimbabwe” - yokaan “Kaka’umsa Dargaggooraa Dimookiraasii Zimbaabuwee keessaaf” dhaabbata jedhu kan hundeesse, dargaggoo Sidnii Chiisii cunqursaa prezidaantii biyya isaa Roobert Mugaabeen geggeessamaa jiru ilaalchisee yaaddoo qabu ibsate.

Haala sanatti akka gaddaan qalbiin isaa cabe ka dubbatan prezidaant Obaamaan “biyyi sun --- guuboo daabboo tahuu malte Mugaabeen akka qabsaawaa bilisummaatti as bahe, akka hoogganaa biyyatti garuu -- ifatti yoo dubbadhe, uummata biyya isaaf waan gaarii gochaa hin jiru,” jedhan.
Zimbaabuwee waliin hidhata dippiloomaasii fi dinagdee akka jabeessuu fedhan dubbatanii, garuu kun haala bulchiisa Mugaabee jijjiira, jedhanii akka hin amanne hubachiisan.

Dhaabbbata “Gumii Hoogganummaa Dargaggoota Somaalee” jedhamu kan hoogganu, dargaggoo Abdii Najimaa immoo , Ameerikaanonni, kanneen Somaaliyaa keessatti dimookiraasummaa fiduuf hojjetaniif gargaarsa maallaqaa kennuuf yoo qophaawan tahe gaafate.

Ameerikaanonni fi Mootummaan Yuunayitid Isteets, milkaa’ina Somaaliyaa, ka cimsamii barbaadan tahuu ibsuudhaan, "Caasaa fi haala uummata Somaaliyaa gargaaru diriirsuuf kanneen hojjetaniif lammiwwan Yuunaayitid Isteets gargaarsa guddaa qaban" jedhan, Prezidaant Obaamaan. Prezidaant Obaamaan dargaggoota biyyoota Afrikaa ka biroo akka Gaanaa, Maalii, Mozaambikii fi Maalaawii irraa dhufan irraa gaaffiilee dhihaataniifis deebii kennanii jiran. Itiyoophiyaa irraa dargaggoota afur tu walga’ii kanaaf dhufe. Kanneen keessaa garii, wallistoota waldaan gurmaawan kaan immoo dargaggoota hojiiwwan ka birootti bobba’ani.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG