Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Obamaan sirna Yaadannoo Poolisoota ajjeefaman kan Daalaas Irratti argaman


Piresdaant Obaamaanif haati warraa isa gara Daalaas imalan.
Piresdaant Obaamaanif haati warraa isa gara Daalaas imalan.

Prezidaant Baraak Obamaan har’a kutaa Daallas, Teksaas keessatti sirna yaadannoo kan angawoota Poolisii shan kanneen haleellaa toraban darbeetiin du’aniif qophaa’e irratti haasaa dhageessian.

Itti aanaa prezidaantii Joe Biden fi prezidaanticha duraanii George W Bush waliin ta’uu dhaan torban darbe ennaa hiriirri mormii geggeessametti magaalaa namni qawwee hidhate poolisii shan ajjeesee kanneen biroo afurii fi sivilota lama keessatti madeessee daawwachuuf jiru.

Luba Frederick Haynes dilbata darbe sirna Daalas keessaa irratti ennaa dubbatan, wyita Obaaman gama Daalasitti qajeelaa jiran kanatti haalli mormitoota Miniisota keessaa yaddoo waan uumeef jecha presidentichaan isinin jaal’adha, gama keessanin gora isinin deggera garuu Minnesotaa dhaquutu na irra jira jedhan.

Bulchiinsi Obaamaa Roobii borii angawoota naga eegumsaa, qabsaa’ota mirgaa, hayyoota fi hoogganoota mirga namaa White House keessatti walitti fiduu dhaan poolisii fi uummata hawaasaalee hedduu keessa jiraatu gidduutti adda addummaa uumame attamiin walitti fiduun mala danda’amu irratti mari’achuuf jira.

Dubbi himaan White House Josh Earnest bakka Obama bu’uu dhaan hookkara dhiyeenya biyyattii raase ilaalchisanii adda addummaa siyaasa biyyattii keessaa caalaa uummata guutuu biyyattii jajjabeessuu irratti fuuleffatan.

Earnest har’a akka jedhanitti kan gaddaan rukutame uummata Daalas qofaa utuu hin taane uummata guutummaa biyyattii keessaa kanneen hookkarri dhiyeenyaa isaan yaaddessee fi hookkara uumame ijaan argan ta’uu presidentichi ni hubaatu jedhan.

Dhugaan isaa jedhan Josh Earnest hookkarri kun kan nuti torban darbe argine qofaa utuu hin taane waggoota hedduu keessatti kan irra deddeebi’ee mudataa ture.

President Obaamaan aangootti erga dhufanii qabee dhukaasi jamaa irratti raawachuu isaatiin uummataaf haasaa ennaa dhageessisan inni kun yeroo 11ffaa ta’uu isaa ti.

Prezidaant Obamaan sirna Yaadannoo Poolisoota ajjeefaman kan Daalaas Irratti argaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG